Kitaaba Izra'aa 4 - Kitaaba Woyyuu

Mormii Akka Manni Woyyuun Deebi'ee Hin Ijaaramneef Taasifame

1Diintonni Yihuuda'aatii fi diintonni Biiniyaamii akka booji'amtoonni Rabbii Waaqa Israa'eliitii mana woyyuu ijaaran dhagayanii

2gara Zarubaabeliitii fi gara bulchoota gosa isaanii dhiyaatanii «Guyyaa mootiin Asoorii Asraddoon as nu fide irraa jalqabnee Waaqa keessanii ciincessa'aa turreerra; nullee mana woyyuu isin woliin haa hojjannuu» isaaniin jedhan.

7Bara mootichi Arxeeksis mooye Biishilaam, Mitiriidaaxu, Xaabi'eel worri yaadaan isaan gargaaranillee mootii Arxeeksisiif xalayaa barreessan; xalayaan sun afaan Aramaayikiitii fi qubee Aramaayikiitiin barreeffame.

8Akkasuma Reehuumiin ajajaanii fi barreessaan isaa Siimsaayi Arxeeksisii mootii Yerusaalemiitiif xalayaa barreessan.

9Ajajaa Reehuumii fi barreessaa isaa Siimsaayiin irraa, akkasuma worri isaaniin wolii galan, worri gosa Diinii, worri Afarsaatikootaa, worri Arkootaa, worri Xarfaalotaa, worri Baabiloonii, worri gosa Suusinaakotaa, worri Deehotaa, worri Eelaamotaa;

10Worri Asnaafaariin guddaan hunna qabu biyya jiraatan keessaa isaan jijjiiree akka gara qachaa Samaariya'aatii fi laga gama jiraatan isaan taasise worri Yihuudii hin taane ka hafanillee akkana jedhanii xalayaa barreessan.

11Yaanni xalayaa ani mootii Arxeeksisiif ergee kana; namoonni laga gama jiran tajaajiltoonni kee,

12worri gosa Yihuudi'ii ka si biraa bayan gara keenna gara Yerusaalemii akka dhufan ati mootichi beeki; isaan qachaa hamtu'uu fi ta guddiftee baddu'uu deebisanii ijaara'aaran. Dallawa isi'iillee hin haarawoomsa'aaran; jalqaba isi'iillee jabeessaniiran.

13Kanaafuu mootii keenna! yoo qachaan tun deebitee ta ijaaramtu taate, dalloofni isi'iillee yoo ka haarawoomu ta'e; baniin gibira, qaraxaa fi kennaallee akka hin kennine; galiin mooti'ii galu akka dhidhatu mootichi haa beekuu.

14Nu waan mana mooti'iitii bu'aa argannuuf mootii yoo salphisan arguun waan nuu hin malleef xalayaa mootichatti erginee beessifneerra.

15Kitaabni seenaa abboota keetii haa qoratamuu, kitaaba seenaa abbootaa kana keessatti qachattiin tun dhibduu akka taate, moototaa fi worra godina bulchanillee akka miite, shiftaa ta'uun dur isii irraa akka jalqabame hin beetta; hin argitalle'e; kanaaf qachaan tun diiggamtee turte.

16Qachaan tun deebitee yoo ka ijaaramtu taate, dalloofni isi'iillee deebi'ee yoo ijaarame, laga Efraaxisii gamatti ati akka lafa hin qabne si mootichatti beessifna.»

17Mootichillee «ajajaa Reehuumii fi barreessaa isaa Siimsaayii, Samaariya'aa fi worra laga gama jiraatan ka isaan wolii galan worra hafanitti deebii akkana jedhu erge.

18«Xalayaan isin gara kiyya ergitan na afo'otti hiikkamee dubbifame.

19Anillee akka kitaabni seenaa moototaa qoratamu cimsee ajajeera; qachattiin tun dur irraa jalqabdee mootota irratti hamtuu akka taatee fi isii keessatti shiftaa ta'uunii fi dhibuun argameera.

20Yerusaalemiin keessallee mootota gugurda'atu ture. Isaan biyya laga gamaa maraa bulcha'aa turan; gibira, qaraxaa fi kennaallee fudhata'aa turan.

21kanaafuu amma namoonni kunniin hujii akka dhiisan, haga ani ajaja biraa dabarsutti akka qachattiin tun hin ijaaramne isaan ajajaa'a.

22Akka rakkoon woyiituu mootummaa keenna irra hin geennee fi isinillee akka hin gaafatamne lash akka hin jenne uf eegaa'a.»

23Hennaa gara galchi xalayaa mooticha Arxeeksisii Reehuumii ajajaa, barreessaa isaa Siimsaayii fi worra isaan wolii galan afo'otti dubbifame, yoma san daddafanii gara biyya Yerusaalemiitii fi gara biyya Yihuuda'aa dhaqanii hunnaan giddi'iin hujii isaanii dhaabsisan.

24Kanaaf hujiin mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru dhaabate; mootii Faarisii irraa jalqabee haga mootummaa Daariyoosii haga woggaa lammeesso'oo duubatti harkifate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help