Raajii Zakkaariyaasii 11 - Kitaaba Woyyuu

Akkaataa Worri Dhiban Itti Kufan

1Yaa Libaanoos!

akka ibiddi mukkiin kee gubu

balballan kee bani!

2Mukkiin Libaanoosii waan kufaniif

isin mukkiin birbirsaa;

«banne!» jedha'aa booyaa'a;

mukkiin gaachena qaban maruu badaniiran;

bosonni jaamaan waan cirameef

isin qilxuuwwan baasaanii

«banne!» jedha'aa booyaa'a.

3Worra tisse'ee jalaa margi lalisaan waan badeef

hennaa isaan «banne!» jedha'aa booyan caqasaa'a;

waan bosonni laga Yoordaanosii bira jiru

badeef

Leencan hennaa gadda'aa aadan caqasaa'a.

Tissee Lamaan

4Rabbi Waandhi kiyya akkana naan jedhe, «Mee ati tika hoolotaa ka qalmaaf qophaayan bobbaasi.

5Namoonni hoolota bitatan hoolota sanniin qalani'iif hin adabaman; namoonni gurguratanillee galanni Rabbiin haa gawu duroomneerra jedhan; worri tisse'eetuu garaa isaanii hin laafu naan jedhe.

6Rabbi akkana jedha, «Ani ammaa achi nama lafa irra jiraatuu womaa garaa hin laafu; ani nama maraa olla'aa fi mootii isaatitti dabarsee kenna; isaan lafa balleessan; anillee isaan jalaa isaan hin oolchu» jedha.

7Ani worra hoolota bita'aa gurguraniif gati'iin tissee hoolota qalmaaf qophaayanii ta'e; hennaa hoolota tissu'uuf baye ulee lama harkatti qabadhe; ulee tokko «jaalatamaa'a» jedhee waame; ulee kaan ammo «tokkummaa'a» jedhee waame.

8Tisseen sadiinuu waan na aarsanii na jibbaniif ji'a tokko keessatti isaan balleesse.

9Achiin maayessa ani tika hoolotaatiin, «ani ammaa achi tissee keessan hin ta'u; ka du'u haa du'uu; ka bade haa baduu; worri hafanillee ufumaa wol fixanii haa dhumanii» isaaniin jedhe.

10Ani kanatti aansee ulee jaalatamaa jedhame fuudhee cabse; ani hennaa waan kana godhu waadaan ani Rabbiin woliin gale akka cite mudhisu'uuf.

11Akkaataa kanaan waadaan guyyama san diiggame, daldaltoonni hoolotaa ka hennaa ani waan kana godhu na laala'aa turan wonti kun akka dubbii Rabbii ta'e beekan.

12Ani isaaniin «Yoo fedha keessan ta'e mindaa kiyya naa kennaa'a; yoo fedha keessan hin taane dhiisaa'a» isaaniin jedhe isaanillee gatii dadhabbii hujii kiyyaa birrii soddomaa naa kennan.Mat. 26:15

13Rabbillee «Saanduuqa birrii keessa kaayan ka mana woyyumma'aa keessa buusi» naan jedhe; kanaafuu ani birrii soddomaa ka isaan mindaa gaya'a jedhanii naa kennan san fuudhee ottee namicha faara dhawuu keessa buuse.Mat. 27:9-10

14Achiin maayessa ulee Tokkummaa'a jedhame ka lammeesso'oo san fuudhee cabse; wonti ani waan kana godheef obbolummaan Yihuuda'aatii fi Israa'eliin jidduu jiru akka bade mudhisu'uuf.

15Rabbi kanatti aansee akkana naan jedhe, «Ati ammallee akka tissee bu'aa hin qabneetitti uf laali.

16Ani amma biyyatti'ii tissee tokko ka banii kiyya eegu kaasa; inni waan kana godhuu caalaa worra badanii hin yaadu; worra badan hin soqu; worra hokkolan hin fayyisu; worra fayyaa qaban hin nyaachisu; inni waan kana godhuu caalaa ka furdate qala'aa nyaata; koroony'oo isaanii hin mummura.

17Tisseen hoolota ufii ganu ka bu'aa hin qabne ka akkanaa kanaa hobbaasi! irreenii fi ijji isaa ka mirgaa guraade'een haa dhayamu; irreen isaa sirima haa gogu; ijji isaa ka mirgaa sirima haa badu» naan jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help