1 Rom. 7:23; Phex. 1ffaa 2:11 Woranninii fi lolli eessaa isin bira dhufan? woraana halcha qaama keessan woraanu irraa mii?
2Hin hawwitan, garuu isinii hin ta'u; hin ajjeeftan, jabeessitaniillee hin barbaaddan, garuu argachuu hin dandeettan; wol loltan, wol worantanille'e.
3Isin waan argattan san hawwii foon keessanii guuttachu'uuf jettanii dharaan waan kadhattaniif hin argattan.
4Luq. 6:26; Rom. 8:7; Yoh. 1ffaa 2:15; Mat. 6:24 Seebartoota adunya'aa jaalachuun Rabbiin wol loluu akka ta'e hin beettanii? Eegasuu ka biyya lafaatiin goshoo ta'uu fedhu maruu diina Rabbii ta'eera. Namni jaalalloo adunya'aa ta'u maruu diina Rabbii ta'eera.
5Ser. Ba'u. 20:5; Gal. 5:17 Moo ka kitaabni, «Hafuurri nu keessaa hinaaffa'aan hawwa» jedhu sun waan akkanumaan dubbate seetanii? Haa ta'uu ammo badhaadhummaa caalu kenna. Waan akkanumaan dubbate seetanii?
6Mam. 3:34; Luq. 1:52; Iyyo. 22:29; Mat. 23:12; Phex. 1ffaa 5:5 Badhaadha guddisee kenna; kanaafuu Rabbi worra uf jajuun hin morma; worra kaso'oo ammo badhaadha kenna.
7Phex. 1ffaa 5:6,8-9 Eegasuu Rabbiif ajajamaa'a; daabiloosiin mormaa'a; innillee isin irraa dheessaa.
8Zakk. 1:3; Isa. 1:16 Gara Rabbii dhiyaadhaa'a, innillee gara keessan dhiyaataa. Isin cubbamtoota harka keessan qulqulleessaa'a. Isinillee worri yaada lama qabdan garaa keessan qulqulleessaa'a
95:1; Luq. 6:25; Mudh. Yoh. 3:17 Cinqamaa'a, gaddaa'a, booyaa'a kolfi keessan gara gaddaa, gammachuun keessanillee gara gaddaa haa jijjiiramuu.
10Phex. 1ffaa 5:6; Mat. 23:12 Gooftaa afo'otti mataa keessan gad uf qabaa'a. Innillee ol isin qabaa.
Wolitti Hin Murteessinaa'a11 Ser. Lew. 19:16; Far. 15:3; Mat. 7:1 Obboleeyyan tiyya! Wol hin hamatinaa'a! Ka obboleessa ufii hamatuu fi ka obboleessa ufiititti murteessu seera hamata. Seerattillee hin murteessa. Yoo seeratti murteessite, ati murteessa'a malee nama seera hujii irra oolchuu miti.
12Rom. 2:1; 14:4 Ka seera kennuu fi ka murteessu tokko. Innillee ka fayyisu'uuf ka balleessuu danda'u. Ati eennu ka nama biraatitti murteessitu?
Uf Hin Jajinaa'a13 Luq. 12:13-21; Mam. 27:1 Ammallee worri, «Adha yookaan boru gara qachaa sanii deemnee woggaa tokko achi jiraanna. Daldalannee bu'aa buufanna» jettan, as laalaa'a!
14Far. 144:4; 39:6,12; Luq. 12:20 Isin waan boru ta'u waan hin beenneef, jiruun keessan maali'i? Isin akka hurrii hennaa diqqoo mudhatee baduuti.
15Hu. Er. 18:21 Bikka san, «Yoo Gooftaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookaan san goona» jechuu barbaachisa.
16Amma ammo isin boontanii uf jajjan. Uf jajuun akkasii martinuu hama'a.
17Luq. 12:47 Eegasuu nama waan mishaa beeka'aa hin gooneef cubbu'u.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.