1Saa'ol Daawitiin ajjeesaa jedhee ilma ufii Yoonaata'aa fi garboota ufii marattuu hime; Yoonaataan garuu Daawitiin guddisee jaalata.
2«Inni boru ganama Saa'ol abbaan kiyya si ajjeesuuf ta'aa uf eeggadhu dhokadhuu taa'i;
3ani abbaa kiyya bira dhaqee waan kee isatti hima waan ta'u laalee sitti hima» jedhee Daawititti hime.
4Yoonaataan waan Daawitii galatoonfata'aa Saa'oliin akkana jedhe «Mootii kiyya! Daawiti garbichi kee waan mishaa sii hojjate malee si hin yakkine; atillee isa hin miidhin jedhe.
5Inni uduu lubbuun isaa garaa hin nyaatin Gooliyaadiin ajjeese; Rabbillee Israa'eliif mooyicha guddaa godhe; atillee mootee san argitee gammaddeerta; kanaaf maaf duwwamatti lubbuu isaa baafta?»
6Saa'ol dubbii Yoonaata'aa dhagayee dhugaa Rabbii jiraata'aa hin ajjeesu jedhee kakate.
7Achiin maayessa Yonaataan Daawitiin waamee dubbii kana maraa isatti himee gara Saa'olii isa geesse; achiin maayessa Daawiti akkuma duraatitti mooticha afo'otti argame.
8Filisxeemiin keessaa Daawiti ammallee namoota baay'ee ajjeese; namoonni hafan garuu baqatanii badan.
9Guyyaa tokko hafuurri hamaan Rabbiin biraa gara Saa'olii dhufe; yoo san Saa'ol eboo qabatee mana ufii keessa taa'a Daawiti garuu kabalaa dhaya'aa ture.
10Saa'ol Daawitiin woraanee dhaaba manaatiin wolitti maxxansu'uuf ebo'oon darbate; Daawiti garuu jalaa miliqee eboon dhaaba manaa woraante; Daawiti halkanuma san dheessee baye.
11Saa'ol namoota Daawitiin halkan eeganii bariisaa ajjeesan gara mana Daawitii erge; haati manaa Daawitii Milkool Daawitiin, «Yoo edana dhokachuu baatte boru hin duuta» jette.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.