Kitaaba Mammaakaa 4 - Kitaaba Woyyuu

Bu'aa Ogummaa Irraa Argamu

1Ijoollee tiyya! gorsa abba'aa dhagayaa'a;

qalbi'iin caqasaa'a;

hubannaa horii godhadhaa'a.

2Ani barumsa mishaa isinii kenna;

kanaafuu barumsa kiyya hin dhiisinaa'a.

3Ani hennaa mana abbaa kiyyaatitti

mucaa areedoo ture,

haadha tiyyaafillee hennaa ilma tokkocha ture,

4Abbaan kiyya akkana jedhee na barsiise,

«Garaa kee guutu'uun jecha kiyya qabadhu;

ajaja kiyyallee eegi lubbu'uun jiraattaa.

5Ogummaa argadhu; hubannaallee qabadhu;

jecha kiyya hin irraanfatin; isii irraa hin gorin.

6Ogummaa hin dhiisin, golga sii taatii;

jaaladhuun si eeddii.

7Ogummaan waan guddo'o; kanaafuu ogummaa argadhu;

waan qabdu maraa yoo si kaffalchiiftellee

hubannaa horii kee godhadhu.

8Ulfinna kenniif ol ol si qabdii;

ammadhuun; si kabajjitii.

9Gulloo ulfinnaa mata'atti sii gooti;

qoobii ulfinnaallee sii kenniti.»

10Ilma kiyya! na caqasi;

dubbii kiyyallee qalbifadhu;

bara dheeraa jiraattaa.

11Daandii ogumma'aa irratti si barsiisa;

karaa qajeelaallee sitti mudhisa.

12Yoo deemtu miilli kee hin sakaalamu;

yoo fiiddullee hin gufattu.

13Gorsa jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin,

jireenna kee waan ta'eef eeggadhu.

14Gara karaa cubbamtootaa luka kee hin kaasin;

daandii worra hammeeyyi'iitiin hin deemin.

15Achi hin gayin, isii irra hin deemin;

dheessi; karaa kee qabadhuu deemi.

16Waan hamaa yoo hin goone hin rafan;

yoo nama hin gufachiifne hirribni isaan hin qabu.

17Buddeena hammeennaa nyaatan;

daadhii woyini'ii ka hunnaan namatti ka'u'uu dhugan.

18Karaan worra balcha'aa akka ifa haga guyyaa guutu'uu

ifa'aa deemuu ka akka gagaarrinna ganamaati;

19Karaan hammeeyyi'ii garuu

akka dukkana jaama'aati;

maaltu akka isaan sakaalu hin beekan.

20Ilma kiyya! waan ani sitti himu hubadhu;

dubbii kiyyallee uf eeggadhuu caqasi.

21Ija tee afo'oo hin fageessin;

garaa kee keessatti eegi.

22Worra isii argatuuf jireenna,

qaama namaa maraafuu fayyaa waan taateef.

23Waa maraa caalaa qalbii tee eeggadhu;

maddi jiruu teetii waan isii ta'eef.

24Daba afaan kee keessaa balleessi;

qaaqa badaa arraba kee irraa fageessi.

25Ijji tee qajeelchitee haa laaltuu;

guuttadhuu uf afoo laali.

26Karaa miila keetii qajeelfadhu;

karaa wol qixxaayaa callaa qabadhu.

27Bita'aa fi mirga hin jedhin,

miila kee hamaa irraa eegi.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help