1Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2«Ati ilma namaa! fuulaan gara gaara Eedoomii deebi'ii bani'itti raaga dubbadhu.
3Waan ani Rabbiin maraa olii jedhu maraa akkana jedhii isaanitti himi;
‹Banii Eedoomii!
Ani isin morma;
biyya teessan gammoojji'ii fi ona taasisu'uuf isinitti ka'eera.
4Qachoota teessanillee hin diiga;
biyya teessan ona taasisa;
achiin maayessa akka ani Rabbiin ta'e beettan.
5Isin sababaa waan gadoo keessan ka hennaa dheera'aatiif worri Israa'elii akka rakkatanii adabamanii guraade'een dhuman dabarsitanii isaan kennitan.
6Kanaafuu ani Rabbiin maraa olii waan jiraataa ta'eef du'aaf isin qopheessa; worri isin ajjeesu isin ari'a; isin waan dhiiga namaa jissuu hin jibbineef ka dhiiga namaa jissutu si ari'a.
7Ani biyya Eedoomiitii fi gaarran isi'ii onaa fi lafa gammoojji'ii taasisa; akka eennullee karaa saniin hin lufne godha.
8Gaarran maraa reeffa namoota dhumeetiin guuta; reeffi namoota woraanaan dhumanii tulloota dhooqaa fi laggiiwwan kee maraa keessa guuta.
9Ani baraa haga bara baraa biyya teessan ona taasisa; lammata ka qachoota teessan keessa jiraatu hin argamu; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan.
10Ani Rabbi yoma achi jiraadhellee banii lachuu jechuun Yihuuda'aa fi Israa'eliin lafa isaaniillee dhaalaan fudhachu'uuf yaaddanii turtan.
11Kanaafuu ani Rabbiin maraa olii jiraataa waan ta'eef sababaa isin jibbansa, lolaa fi hinaaffaa banii kiyyatti mudhiftaniif adabbii isin barbaachisu isinii kenna; hennaa ani isin adabu isaan akka ani Rabbiin ta'e akka beekan godha.
12Dubbii isin isaan waan ona ta'aniif akka nu jalatti bulaniif nuu kennamaniiran jettanii tuffi'iin waan gaarran Israa'elii dubbattan ani Rabbi akka dhagaye duranaa hin beettan.
13Akka isin natti morkattanii akka feetan akka dubbattan dhagayeera.
14Kanaafuu wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana, «Hennaa adunyaan maruu gammadan biyya keessan ammo gammoojjii taasisa.
15Akkuma isin biyyi Israa'elii gammoojjii taanaan gammaddan anillee gaarran Seer'iriitii fi biyya Eedoomii maraa gammoojjii taasisa; achiin maayessa namni maruu akka ani Rabbiin ta'e beeka.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.