Kitaaba Faaru'uu 28 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Gargaarsa Argachu'uuf FaateffatanFaaruu Daawitii

1Yaa Rabbi! si waamadha;

Ati naa goda jaba'aa;

dhageettee akka waan hin dhageennee natti hin ta'in;

yoo ati naa hin dhageenne akka nama du'ee ta'a.

2Hennaa gargaarsaaf gara kee iyyu;

gara mana woyyuu keetii,

hennaa harka kiyya diriirse;

kadhaa kiyya naa dhagayi.

3Uduu garaa isaanii keessa hammeenni jiru;

worra hiriyyoota ufii woliin nagaya dubbatan;

worra hammeenna hojjatanii fi

worra didaa woliin harkiftee na hin fudhatin.

4Hammeennaa fi yakka isaan hojjataniitiif

gatii hammeenna isaanii ta'u isaanii kenni;

akka hujii isaaniititti

isaanii deebisi.

5Waan hujii Rabbiitiif hajaa hin qabneef;

waan hujii harka isaatiifillee hulee hin kennineef;

Inni isaan diiga;

deebisee isaan hin ijaaru.

6Kadhaa kiyya waan naa dhagayeef

Rabbiin galanni haa gawu.

7Rabbi hunna kiyyaa fi wontee kiyya;

inni waan na gargaaruu fi waan na gammachiisuuf

isa hedadha; garaan kiyyallee hin usheexxa;

faaruu kiyyaanillee isa galatoonfadha.

8Rabbi banii ufiitiif hunna;

ka muudee moosiseef dawo'o.

9Yaa Rabbi! banii kee oolchi;

worra kee ta'e eebbisi; tissee isaanii ta'i;

baraa haga bara baraa isaan eegi.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help