1Rabbi Muusee haga isaan biyya Misiriitii bayaniin maayessa woggaa lammeesso'oo ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaa lafa gammoojjii Siina'aa daasee keessatti akkana jedhee itti dubbate;
2«Banii Israa'elii maraa laakkobsa isaanii akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin maqaa ijoollee isaanii ta dhiiraa fuudhaa'a.
3Atii fi Aaroon ijoollee Israa'elii keessaa nama woggaa diddamaatii fi ka achii olii worra duula dhaquu danda'an maraa laakkayaa'a.
4Gosa maraa keessaa bulchaan maati'ii si woliin haa ta'uu.
5Maqaan worra isin woliin dhaabatanii kanniin;
Mana Roobeelii keessaa
ilma Saadiyoorii Eelsuur,
6Mana Simoonii keessaa
ilma Suursadaayii Salami'eel,
7Mana Yihuuda'aa keessaa
ilma Amiinaadaabii Na'aasoon,
8Mana Yisaakoorii keessaa
ilma Soogaarii Naatinaa'eel,
9Mana Zaabiloonii keessaa
ilma Keeloonii Eeliyaab,
10Ijoollee Yooseefii keessaa
ijoollee Efreemii keessaa,
ilma Amihuudii Eelsaamaa,
mana Minaase'ee keessaa ilma Fiddaasuurii Qamaali'eel,
11Gosa Biiniyaamii keessaa
ilma Gaadiyoonii Abidaan,
12Gosa Daanii keessaa
ilma Amsaadaayii Aaki'eezar,
13Gosa Aaseerii keessaa
ilma Eekraanii Fagi'eel,
14Gosa Gaadii keessaa
ilma Daa'u'eelii Eelsaaf,
15Gosa Niftaalemii keessaa
ilma Eenaanii Akiiree.»
16Banii Israa'elii keessaa bulchoonni gugurdoon filaman, ka gosa abboota banii kanaa kanniin.
17Muuseenii fi Aaroon maqaa worra filamanii kanniin fudhatanii;
18ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaatitti banii maraa wolitti qabanii nama woggaa diddamaa irraa jalqabee ka achii olii maraa akka mana isaaniitiin, akka mana abboota isaaniitiin, akkuma maqaa laakkobsa isaaniitiin hortee ufiititti dubbatan.
19Muuseen akkuma Rabbi isa ajaje, akkasuma gammoojjii gaara Siina'aa irratti isaan laakkaye.
20Ijoollee Israa'elii ilmaan Roobeelii hangaftichaa akka dhaloota isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka mana abboota isaaniitiin laakkobsa maqaa isaaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii dhiirri duula dhaquu danda'u maruu,
21gofti Roobeelii worri laakkayaman kuma afurtamii jahaa fi dhibba shan turan.
22Ijoolleen Simoonii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka mana abboota isaaniitiin worri laakkayaman, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, akka mana isaaniitiin dhiira woggaa diddamaa irraa jalqabee ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu,
23gosa Simoonii keessaa worri laakkayaman kuma shantamii sagalii fi dhibba sadihi turan.
24Ijoolleen Gaadii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, nama woggaa diddamaa irraa jalqabee ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu,
25gosa Gaadii keessaa worri laakkayaman kuma afurtamii shanii fi dhibba jahaa fi shantama turan.
26Horteen ijoollee Yihuuda'aa akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an moruu,
27gofti Yihuuda'aa worri laakkayaman kuma torbaatamii afurii fi dhibba jaha turan.
28Ijoolleen Yisaakoorii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu,
29gofti Yisaakoorii worri laakkayaman, kuma shantamii afurii fi dhibba afur turan.
30Ijoolleen Zaabiloonii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu,
31gosa Zaabiloonii keessaa worri laakkayaman maruu namoota kuma shantamii torbaa fi dhibba afur turan.
32Ijoollee Yooseefii keessaa ijoolleen Efreemii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an.
33gosa Efreemii keessaa worri laakkayaman kuma afurtamaa fi dhibba shan turan.
34Ijoolleen Minaase'ee akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu
35gosa Minaase'ee keessaa worri laakkayaman kuma saddomii lamaa fi dhibba lama turan.
36Ijoolleen Biiniyaamii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu,
37gofti Biiniyaamii worri laakkayaman kuma soddomii shanii fi dhibba afur turan.
38Ijoolleen Daanii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an, gosa Daanii keessaa worri laakkayaman maruu,
39kuma jahaatamii lamaa fi dhibba torba.
40Ijoolleen Aseerii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii, worri duula dhaquu danda'an maruu;
41gosa Aseerii worri laakkayaman kuma afurtamii tokkoo fi dhibba shan turan.
42Ijoolleen Niftaalemii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu;
43gosa Niftaalemii keessaa worri laakkayaman kuma shantamii sadihii fi dhibba afur turan.
44Worri Muusee, Aaroonii fi bulchoonni gosa Israa'elii kudha lamman laakkayan kanniin; marti isaaniituu mana abboota ufiititti bulchoota turan.
45Ijoolleen Israa'elii worri laakkayaman maruu akka manniin abboota isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu,
46worri laakkayaman kuma dhibba jahaaf sadihii fi dhibba shanii fi shantama turan.
47Worri Leewwotaa ammo gosa abboota ufii woliin hin laakkayamne.
48Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate,
49«Gosa worra Leewwi'ii hin laakkayin; laakkobsa isaaniillee ijoollee Israa'eliititti hin makin.
50Garuu worra Leewwotaa meeshaa hulee bulti'ii hulee saanduuqa raga'aa waan ijoollee Israa'eliitiif ta'u maraa afoo isaanii dhaabi; worri Leewwotaa hulee bulti'iitiif meeshaa maraa haa baadhatanii; haa tajaajilanii; naannaya daasee wol gayi'iititti haa quphatanii.
51Hennaa daasee wol gayi'ii kaasan worri Leewwotaa haa buqqisanii; hennaa daasee wol gayi'ii dhaaban worri Leewwotaa haa dhaabanii; yoo namni biraa itti dhiyaate haa ajjeefamuu.
52Ijoolleen Israa'elii maruu naannaya isaaniititti, malkata adda isaan godhu harkatti qabatanii duula isaanii woliin haa quphatanii.
53Ijoollee Israa'elii irratti balaan akka hin dhufne, worri Leewwotaa naannaya saanduuqa raga'aa ka hulee bulti'ii jiru marsanii haa eeganii» jedheen.
54Kanaaf Ijoolleen Israa'elii akkuma Rabbi Muusee ajaje waan maraa godhan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.