Raajii Isaayyaasii 37 - Kitaaba Woyyuu

Mootichi Hisqiyaas Raattichi Isaayyaas Akka Isa Gorsu Gaafate(Mot. 2ffaa 19:1-7)

1Mootichi Hisqiyaas haga waan kana maraa dhagaye gaddee uffata ufii biinxee uffata gaddaa uffatee gara mana woyyuu Rabbii dhaqe.

2Inni Eeliyaaqeemii ajajaa mana mootichaa, barreessaa mana mootichaa Saamnaasii fi worra gadootaa keessaa namoonni beekkaman uffata gaddaa uffatanii gara raatticha Isaayyaasii ilma Amootsii dhaqaa'a jedhee isaan erge.

3Dhaamsi isaan mooticha Hisqiyaasiin irraa fudhatanii Isaayyaasii raattichatti himan kana; adhi guyyaa rakkinna gudda'aa fi adabbii nama salphisuu fi nama saalfachiisutu nu irra gaya'aara, akka dubartii daya geettee ciniinsifattee dayu'uuf hunna dhabdee taaneerra.

4Akka mootichi biyya Asoorii Rabbii jiraataa isaa arrabsu waan nama kabajjamaa baallii qabu Raafaasiqiisiin ergeef Rabbi Waandhi kee arraba kana dhagayee maal laataa isa adabuu danda'a; kanaafuu yabo'oo worra banii keenna keessaa badan Rabbi akka oolchu Rabbiin kadhadhu.

5Isaayyaas raattichi dhaamsa mootichi Hisqiyaas itti hime dhagayee,

6Rabbi akkana siin jedha «Arraba hojjattoonni mooticha Asoorii na arrabsan dhageettee hin sodaatin.

7Ani akka inni oduu biyya keessaatiin raafamuu fi akka gara biyya ufii deebi'ee guraade'een du'u isa taasisa» jedhee dhaamsa deebiseef.

Worri Biyya Asoorii Ammallee Isaanitti Dhaadatan(Mot. 2ffaa 19:8-19)

8Namichi baallii qabu ka biyya Asoorii akka mootichi biyya Laakishii dhiisee gara qachatti Libinaa naannoo Laakisii jirtuu dhaqee akka lola'aaru dhagayee achi dhaqe.

9Inni haga achi gaye akka mootichi Itoophiya'aa Trihaaq lolaaf dhufe dhagayee gara mooticha Hisqiyaasii akkana jedhee dhaamsa erge.

10«Hisqiyaasii mootii biyya Yihuuda'aa Waandhi kee ka ati abdattu Yerusaalem mootii biyya Asooriitiin hin booji'amtu jedhee si sobu dhugaa hin seeyin.

11Ati waan mootonni biyya Asoorii biyya maraa irratti hojjatan attamitti akka balleesse dhageetteerta; ati hoo hin haftaa?

12Worri abboonni keenna fixan Goozaan, Kaaraan, Raafis, Beetalaasaariin banii Eedinii, waandhi tolfamaan worra Yihuudota hin taanee isaan oolcheeraa?

13Mootonni qachoota Haamaatii, Arfaadii, Safarwaa'imii, Henaa'iitii fi Iiwwa'aa eessa jiran?

Faatee Hisqiyaasii

14Mootichi Hisqiyaas xalayaa worra dhaamsa geessan irraa fuudhee mana woyyuu Rabbii keessa seenee banee dubbisee,

15Akkana jedhee Rabbiin kadhate

16«Ati Rabbii Waaqa Israa'elii ka Kiruubeeliin irratti teessoo kaayate si calla'a; Waandhi mootota adunyaa maraatuu sima; ka ardi'ii fi samii uumellee si'i.Ser. Ba'u. 25:22

17Waandhana! akkamitti akka Sanaakireem si'ii Waaqa jiraataa arrabse laali.

18Yaa Waandhana! nu'u akka mootonni biyya Asoorii mootota hedduu balleessanii fi akka biyya isaaniillee diigan dhageenneerra.

19Isaan muka bocanii dhagaa baqassanii waaqolee tolfamaa isaan harka ufiitiin hojjatan duwwaa sanniin ibiddaan gubanii balleessaniiran.

20Rabbi Waaqa keenna! akka ati callaan Waaqa taate baniin adunya'aa maruu akka beeku ati amma harka banii worra Asoorii jalaa nu hambis» jedhee kadhate.

Dhaamsa Raattichi Isaayyaas Gara Hisqiyaasii Erge(Mot. 2ffaa 19:2-37)

21Achiin maayessa Isaayyaas raattichi ilmi Amootsii gara mooticha Hisqiyaasii «Rabbi Waandhi Israa'elii kadhaa ati waan mooticha Sanaakireemii mootii biyya Asooriitiif kadhatte dhagayeera;

22Wonti Rabbi waan isaa dubbate kana

«Mucattiin Tsiyoonii ta durbaa

si tuffatteerti; sitti balditeerti;

Mucattiin Yerusaalemii;

hennaa ati dheessitu mataa sitti sochoofatteerti;

23Ka arrabsitee fi ka salphifte eennuun?

ka laagaa kee itti ol qabatte;

ka ija uf jaju'uutiin laalte eennuun?

Woyyicha Israa'elii irrattii bee!

24Karaa ergamtoota keetiitiin;

jecha arrabaa heddu gooftaa kee irratti dubbatte

akkana jette;

baay'inna konkolaataa fardoo kiyyaatiin;

dheerinna gaarranii;

fiixxee gaarran Libaanosii irra bayeera;

Birbirsa dhedheeraa;

hindheessa filatamaa muradheera;

gara hulee guddisee ol fago'oo;

gara bosona guddisee bareeduu gayeera.

25Biyya ormaatitti boolla qote;

achi keessaa bisaan dhuge;

burqaawwan Misirii maraa

lukaan dhiitee gosse.

26«Waan kana akka ani dur murteesse;

akka bara durii karoorse

hin dhageennee?

amma garuu akka raawwatamu godhe;

ati qachoota ijaaramte

tuulaa dhaga'aa goote.

27Hunni banii isaanii dhumateera;

nayaniiran; salphataniiran;

akka biqiltuuwwan raasa'aa;

akka biqila hennaa bonaa

akka marga mana manaan gubba'aa irratti biqilee;

akka kichuu waagiin dhayee ta'eera.

28«Ani garuu eessa akka jirtu;

dhufu'uu fi deemuun kee hennaa kam akka ta'e;

attamitti akka lolaan natti kaatu

hin beeka.

29Ati waan lolaan natti kaateef;

uf tuuluun kee waan gurra na seeneef;

funyaan keetitti funyoo;

afaan keetitti lugaama godha;

karama dhufte keessa akka deebitu si godha.

30Hisqiyaasi! kun malkata sii ta'a;

«Bara kana keessa ka ufiin baye;

bara itti aanutti ka ufiin bayaa irraa marge nyaattan;

woggaa sadeesso'ootitti garuu hin facaafattan;

hin haamattan;

woyinii dhaabattan;

daraaraa isaallee hin nyaattan.

31Ammallee hafteen mana Yihuuda'aa;

hidda gad fageeffata;

gubba'atti daraaraa daraara;

32Hafteen Yerusaalemiin keessaa;

worri hafellee gaara Tsiyoonii irraa dhufan;

hinaaffaan Rabbii Gooftaa banii maraa kana godha.

33«Kanaafuu Rabbi waan mootii Asoorii akkana jedha;

«Gara qachaa tanaa hin seenan;

eboon itti hin darbamu;

wontee qabatee itti hin dhufu;

tuulaa biyye'eetiin isii hin marsu.

34Karama dhufeen deebi'a;

gara qachaa tanaa hin seenu»

jedha Rabbi.

35Waan kiyyaaf; waan tajaajilaa kiyya Daawitiitiif;

qachaa tana hin golga;

isii oolchalle'e.

36Halkanuma san maleekkaan Rabbii ganda worra Asoorii keessa lufee loltoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shanii fixe; obboroo yoo lafaa ka'an loltoonni maruu ka dhumaniiran argan.

37Achiin maayessa mootiin biyya Asoorii Sanaakireem uf duuba deebi'ee gara biyya Nanawwe'ee dhaqee achi jiraate.

38Gaaf tokko uduu inni mana waaqa tolfamaa ufii ka Naasaraak jedhamu keessatti sagadu ijoolleen isaa lamaan Adraameeleekii fi Saaraasar guraade'een isa ajjeessanii gara biyya Araaraatii baqatan; ilmi isaa Asraadoon bikka isaa mooye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help