1Banii Israa'elii! faaruu booyaa ka ani isin irratti gad dhiisu kana dhagayaa'a;
2Israa'eliin durbummaa qabdu waan kufteef,
deebitee ka'uu hin dandeettu;
isiin ka isii gargaaree lafaa isii kaasu dhabdee
biyya ufii keessatti ta hojjatti gatamte taate.
3Rabbi Gooftaan akkana jedha, «Qachattii Israa'elii takka keessaa loltoota kumatu duula; worri lubbu'uun jiraatan ammo dhibba tokko; qachaa biraa keessaallee loltoota dhibbatu duula; achi keessaa kudhan calla'atu uf irra deebi'a.»
4Rabbi akkana jedha, «Banii Israa'elii! gara kiyya deebi'aa'a; lubbu'uun jiraattanii;
5Gara Beersaabeehii hin deeminaa'a; Beeteel diiggamtee waan badduuf banii Gelgelaa keessa jiraatan irrattillee akka baqatan waan isaanitti murteeffameef gara Beeteeliitii fi gara Gelgela'aa hin deeminaa'a.»
6San irra gara Rabbii deebi'aa'a; lubbu'uun jiraattanii; yoo kana hin taane Rabbi banii Israa'elii akka ibiddaatitti isaan fixa; worra Beeteeliin keessa jiraatan ibiddi isaan guba; ka ibidda isaan irraa dhaamsu hin jiru.
7Isin worri murtii dabsitanii fi dhugaa gara sobaatitti jijjiirtan isin hobbaasi!
8-9Tuuta urjiiwwan torbaa ka, «Piliyaadis» jedhamuu fi urjiiwwan heddu ka,
«Ooriyoon» jedhamu uume,
ka halkan gara guyya'aa, ka guyyaa gara halkanii jijjiiru,
ka bisaan galaanaa ajajee
akka lafa irratti jigu godhu,
worra jajjaba'aa fi ka kusheewwan isaanii diigu isa;
maqaan isaa Rabbi.
10Isin ka dhaddacha murti'iititti isin gorsu jibbitan; ka dhugaa dubbatullee hin ceem'itan.
11Isin hiyyeeyyii gad qabdanii midhaan gabbarsiiftanii dhagaa bocameen manniin ijaarattaniirtan; ufii garuu keessa hin jiraattan; woyinii nama gammachiisu dhaabdaniirtan; garuu daadhii woyini'ii ka isa irraa argamu hin dhuddan.
12Ani yakki keessan hagam akka baay'atee fi cubbuun keessanillee hagam akka ulfaataa ta'e hin beeka; isin namoota mimmishaa rakkiftanii gabbarsiifata'aa dhaddacha murti'iititti murtii haqa hiyyeessaa dabistan.
13Kanaafuu barri hamaa waan ta'eef namni waa hubatu hin cadhisa.
14Akka lubbu'uun jiraattan waan mishaa godhaa malee waan hamaa hin godhinaa'a; yoo waan kana gootan akkuma isin jettan Rabbi Waandhi banii maraa isin woliin ta'a.
15Waan hamaa jibbaa'a; waan mishaa jaaladhaa'a; dhaddacha murti'iititti akka murtiin haqaa hin dabne godhaa'a; maal laataa Rabbi Waandhi banii maraa banii Israa'elii ka hafanii araaramuu danda'aa.
16Kanaafuu Rabbi Waandhi banii maraa akkana jedha, «Kara'aa fi hulee bayaa maratti laagaa booyichaatitu dhagayama; worri qonnaan bulan booyaaf waamamanii worra faaruu booyaa baasan woliin namoota du'anii booyan.
17Hulee dhaaba biqiltuu woyini'ii marattuu hin booyan; wonti kun maruu ta'uuf waan ani isin jidduu bayuuf.» ka waan kana dubbate Rabbi.
18Isin worri guyyaa dhufa Rabbii eeddan isin hobbaas! guyyaan sun guyyaa dukkanaati malee guyyaa ifaa waan hin taaneef maaf guyyaa san eeddan?
19Guyyaan sun akka nama uduu leenca jalaa dheessu doobba'aan wolitti dhufuu, yookaan dheessee mana ufiititti galee harkaan yoo dhaaba manaa qabatellee bofni idduu isinitti ta'a.
20Guyyaa murtii Rabbii dukkana malee ifti isinii hin bayu; guyyaan sun dukkana jaama'a; ka ifni woyituu keessaa hin mudhanne isinitti ta'a.
21Rabbi akkana jedha, «Ani ayyaannan wogga'aa keessan maraa hin jibba; hin tuffadhalle'e; wol geettiin waaqeffannaa keessaniillee na hin gammachiisu.
22Yoma isin ciincaa ciincawuu fi kennaa midhaanii naa dhiyeessitanillee isin irraa hin fudhadhu; ciincaa mirgoolee waan fayyumma'aatiif naa dhiyeessitan hin laalu.Isa. 1:11-14
23Iyya faaruu keessanii na irraa fageessaa'a; laagaa meeshaa faaru'uu keessan sirima ani hin dhagayu;
24Kana irra murtiin haqaa akka bisaan jiguu, balchummaan akka bisaan lagaa ka yaa'ee hin cinnee haa jiguu.
25«Banii Israa'elii! isin amma ciincaa woggaa afurtamaa lafa onaa keessa deemtaniif kennaa naa dhiyeessitaniirtanii?Hu. Er. 7:42-43
26Isin waaqa tolfamaa saakut jedhamu ‹ka mooti'i› jettan akkasuma waaqa tolfamaa keessan ka urji'ii ‹keewwaan› jedhamu baadhattan.
27Ani akka Damaasqoo irraa ari'amtanii fagaattan isin godha» jedha; ka waan kana dubbate ana Rabbi Waaqa banii maraati.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.