Kitaaba Faaru'uu 149 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Galataa

1Halee luyaa!

Rabbiin faaruu haarawaan galatoonfadhaa'a!

wol geettii woyyootaa jiddu'utti isa galatoonfadhaa'a!

2Baniin Israa'elii uumaa ufiititti haa gammadanii!

Tsiyoonillee mootii keessanitti gammada'aa burraaqaa'a!

3Maqaa isaa faaru'uun galatoonfadhaa'a;

masiinqo'oo fi dibbe'een maqaa isaa galatoonfadhaa'a.

4Rabbi waan banii ufiititti gammadeef

gara laafeyyii fayyisee isaan kabajja.

5Woyyoonni ulfinna isaatiin boonan;

halkan guutuu gammachu'uun faarfatan.

6Galanni Rabbii afaan isaanii keessa

guraadeen gara lamaan qara qabu

harka isaanii keessa haa ta'u.

7Worra Yihuudota hin taane haluu bayuu'u;

namootallee adabu'uuf

8Mootota isaanii haada sibiilaatiin,

bulchoota isaanii haada sibiilaatiin luka isaanii akka hidhan;

9Seerri barreeffame akka isaan irratti raawwatamu;

kun woyyoota maraaf ulfinna.

Halee luyaa!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help