Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 18 - Kitaaba Woyyuu

Abeseloom Mooyatamee Dhayamee Du'e

1Daawiti banii isa woliin jiru laakkayee ajajaa loltuu kumaatii fi ajajaa loltuu dhibbaa isaaniif muude.

2Daawiti banii harka sadihi keessaa tokko Iyyoo'aabiin jalatti, harka sadihi keessaa tokko ammo Itaayii nama gosa Geetii jalatti akka bulan godhe; mootichi bani'iin, «Anillee isin woliin deema» isaaniin jedhe.

3Baniin garuu mootichaan, «Ati nu woliin bawuu hin barbaachisu; nu keessaa namni hagoon dheessinee yoo duubatti deebine yookaan gari gariin keenna yoo dhumne diina keenna maaltu dhibe; ati ammo nu'uu nama kuma kudhaniituu waan caaltuuf qachama kana keessa teettee gargaarsa nu barbaachisu nuu erguu sii woyya» jedhaniin.

4Mootichi, «Waan mishaa isinitti fakkaate maraa isinii godha» isaaniin jedhe; mootichi afaan balbalaa dhaabate; loltoonni ammo akka ajajaa loltuu dhibbaatii fi akka ajajaa loltuu kumaa ta'a'aa yaa'an.

5Mootichi Iyyoo'aab Abiisa'aa fi Itaayiin, «Ka'imticha Abeseloomiin naaf jedha'aa dhiisaa'a» jedhee isaan ajaje, baniin maruu hennaa mootichi waan Abeseloomiitiif ajajoota loltootaa maraa ajaju dhagayan.

6Loltoonni Daawitii gara baadiyya'aa bayanii worra Israa'elii bosona Efreemii keessatti lolaniin.

7Achitti baniin Israa'elii loltoota Daawitiitiin mooyataman; guyyaa san namoonni isaan jalaa dhuman haga nama kuma diddamaa waan ta'eef akkaataan isaan itti dhuman akka guddisee nama jibbisiisu.

8Guyyaa san waan lolli baadiyyaa keessatti babadhateef worra guraade'een dhuman caalaa worra bosona keessatti dhumetu caala.

9Abeseloom akkuma tasaa dimmaa loltoota Daawitiitiin wol gayan; hennaa san Abeseloom Gaangee yaabbateera; gaangeen inni yaabbateeru muka haafa gudda'aa jala uduu lufu rifeensi mataa isaa haafa mukaatiin qabamee uduu lafa hin geenne rarra'e; gaangeen inni yaabbateeru jala lufe.

10Hennaa san namni woyii isa argee «Abeseloom muka irratti ka rarra'eeru arge» jedhee Iyyoo'aabitti hime.

11Iyyoo'aab ammo namicha isatti hime saniin «Eega argite maaf hennama san hin ajjeefne? Uduu akkas gootee silaa ani saqilii kudhanii fi sinnaara maraa tokkoo si badhaasa» jedheen.

12Namichi sun Iyyoo'aabiin, «Yoma saqilii kuma tokkoollee naa kennite ilma mootichaatitti harka kiyya hin hiixadhu mootichi si'i Abiisa'aa fi Itaayiin ‹Anaaf jedha'aa Abeseloomii ka'imticha irratti miidhaa isa ajjeesisiisu hin geessinaa'a› jedhee hennaa isin ajaju nu maruu dhageenneerra.

13Maarre uduu ani ajaja mootichaa diigee ilma isaa Abeseloomiin ajjeesee jiraadhee mootichi waan kana dhagawuun isaa hin oolu ati ammo isa jalaa na hambisuu hin dandeettu» jedheen.

14Iyyoo'aab, «Ani ammo si woliin balleessuu hin barbaadu» jedheenii woraana sadihii fudhatee Abeseloom qilxuu irratti rarra'ee uduu lubbu'uun jiru laphee isaa woraane.

15Ioltoonni Iyyoo'aabii Abeseloomiin marsanii dhayanii ajjeesan.

16Iyyoo'aab akka lolli dhaabatu akka xurumbaa afuufan ajaje; loltoonnillee worra Israa'elii ari'uu dhiisanii dacha'an.

17Reeffa Abeseloomii fuudhanii boolla guddaa bosona keessaatitti gatanii dhagaa gugurdaa fuudhanii irratti tuulan; worri Israa'elii maruu dheessanii gara daasee ufii deebi'an.

18Abeseloom hennaa lubbu'uun jiru ani ilma ittiin na qaabatan hin qabu jedhee «Dhooqa mootichaa» keessatti ufiif soodduu dhaabatee soodduu san maqaa ufii itti baase; haga adhaa «Soodduu Abeseloom ittiin qaabatamu» jedhamee waamama.

Daawiti Du'a Abeseloomii Dhagaye

19Ilmi Saadooqii Akimaas ammo, «Akka Rabbi diintota isaa haluu bayeef fiigee oduu gammachu'uu mootichatti hima» jedhe.

20Iyyoo'aab «Ilmi mootichaa waan du'eef gaafa biraa itti himtaa adha itti hin himin» jedheen.

21Iyyoo'aab Kuushiin, «Dhaqii waan argite maraa mootichatti himi» jedheen; Kuushi waan Iyyoo'aab jedheen dhagayee fiige.

22Ilmi Saadooqii Akimaas hennaa lammeesso'ootiif Iyyoo'aabiin «Wonti ta'e haa ta'uu yabo'oo Kuushiin faana fiiga» jedheen. Iyyoo'aab «Mucaa kiyya! ati nama oduu mishaa dhagawu waan hin taaneef maaf fiiguu barbaadda?» Jedhe.

23Innillee deebisee, «Yoo fiige maaltu si dhibe» jedhe; innillee fiigi» jedheen; Akimaas gara karaa raasa'aatiin fiigee Kuushiin firrise.

24Daawiti balbala lamaan jidduu taa'ee ture; waardiyyichi namni balbala eegu gamoo dallawa dhaga'aan ijaarame ka balbala bira jiru irra ol bayee ol jedhee nama hojja ufii fiigu arge.

25Mootichi «Yoo hojja ufii jiraate waa gara'aa qaba» jedhe.

26Inni daddafee dhiyaate waardiyyichi nama biraa ka fiigu argee nama balbala eega'aarutti lallabee «Nama biraa ka hojja ufii fiigu arge!» jedhe; mootichi, «Kunillee waa gara'aa qaba» jedhe.

27Waardiyyichi «Fiigichi nama dura fiiga'aaruu fiigicha akka Akimaasii ilma Saadooqii fakkaata» jedhe; mootichi «Inni nama mishaa waan ta'eef oduu mishaa qabatee dhufa» jedhe.

28Akimaas mootichaan, «Wonti maruu nagaya» jedhee itti lallabe inni mooticha afo'otti addaan lafatti gad kufee, «Rabbi Waaqa kee ka namoota mooticha gooftaa kiyya irratti harka ufii hiixatan dabarsee kenne galanni haa gawu» jedhe.

29Mootichillee, «Abeseloom ka'imtichi nagaya jiraa?» jedhe. Akimaas ammo, «Hennaa Iyyoo'aab ana garbicha kee erge lola guddaa argee maal akka ta'e hin beenne» jedhee deebiseef.

30Mootichi, «Achi siiqii dhaabadhu» jedheen; innillee achi siiqee dhaabate.

31Kuushi dhufee mootichaan, «Rabbi worra sitti ka'an maraa akka haluu sii baye oduu qabadhee sii dhufeeraan!» jedhe.

32Mootichi Kuushiin, «Abeseloom ka'imtichi nagaya jiraa?» jedheen; Kuushi mootichaan, «Diintonni mootii gooftaa kiyyaa worri hammeennaan sitti ka'an maruu akka ka'imticha sanii haa ta'an!» jedhee deebiseef.

33Mootichi guddisee gaddee mana karra bira jiru seenee booye; hennaa deemu, «Ilma kiyya! Abeseloom! ilma kiyya uduu anuu bikka kee du'ee jiraadhee ilma kiyya Abeseloom ilma kiyya!» jedha'aa ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help