1Yooseef reeffa abbaa ufii irratti kufee booyee dhungate.
2Yooseef ogeeyyiin qorichaa reeffa abbaa isaatitti akka urgooftuu diban ajaje; ogeeyyiin qorichaallee reeffa abbaa isaa urgooftuu diban.
3Reeffa isaa gossu'uuf guyyaa afurtama fixe. Namoonni biyya Misiriillee haga guyyaa torbaatamaa booya isaa taa'an.
4Ji'oonni booyaa haga lufaniin maayessa Yooseef maatii Fari'ooniitiin, «Ani yoo isin afo'otti gaachena argadheera ta'e Fari'oonitti;
5abbaan kiyya hennaa lubbu'uun jiru ‹Yoo ani du'e boolla ani biyya Kana'aaniititti qotetti na awwaali› jedhee waan na kassiiseeruuf amma deemee abbaa kiyya awwaalee deebi'a jedhe› jedha'aatii itti naa himaa'a» isaaniin jedhe.
6Fari'oonillee, «Deemi akkuma abbaan kee si kassiise awwaaladhu» jedheen.
7Hennaa Yooseef reeffa abbaa ufii awwaalu'uuf ol baye worri baallii qaban ka mana mootummaa Fari'oonii keessa hojjatan jaarsonni, namoonni gugurdaan baallii qabanii fi kuuwwanillee Yooseefiin woliin deeman.
8Maatiin abbaa isaa maruu ijoollee mana ufiitii fi horii ufii Geeseemitti dhiisanii isa woliin deeman.
9Konkolaataan fardaatii fi worri fardaallee baniin baay'een isa woliin bayan.
10Gara raasaa «Axaadii» ka Yoordaanosiin gamaa dhufan; achitti haga guyyaa torbaa booya guddaa booyaniif.
11Namoonni biyya san jiran, booya raasaa Axaadiititti booyan hennaa argan «Kun worra Misiriitiif booya gudda'a» jedhan; kanaaf maqaa hulee sanii «Abeel Mitsiraayim» jedhanii itti baasan; huleen sun Yoordaanosiin gama.
12Ijoolleen isaallee akkuma inni isaan ajaje isaa godhan;
13reeffa isaa gara biyya Kana'aanii fidanii goda maasaa Makfeela'aa keessatti awwaalan; lafti sunillee lafa Abrahaam ristii awwaalaatiif Eefroonii Keexotaa irraa bite ta Maammiree afo'ooti.
14Yooseefii fi obboleewwan isaa worri isa woliin reeffa abbaa isaa awwaalu'uuf deeman maruu haga awwaalaniin maayessa gara biyya Misirii deebi'an.
Yooseef Obboleewwan Ufii Jajjabeesse15Obboleewwan Yooseefii haga abbaan isaanii du'een maayessa maal laataa «Yooseef yakka nu isa irra geessine maraaf haga ammaa gadoo nutti qabatee haluu nu bawuu yoo barbaade maal haa goonu?» woliin jedhan.
16Kanaaf dhaamsa akkana jedhu gara Yooseefii erganii «Abbaan kee uduu hin duune;
17‹Miidhaa obboleewwan tee sirra geessan isaanitti hin laakkayin siin jedheera› jennee akka sitti himnu nu ajajeera; kanaafuu yabo'oo yakka nu garboonni Waaqa abbaa keetii si irratti raawwanne maraa akka nuu dhiiftu si kadhanna.» Yooseef hennaa kana dhagaye hin booye.
18Achiin maayessa obboleewwan isaallee dhufanii «Nu garboota teeti» jedhanii isaa gad jedhan.
19Yooseef ammo, «Hin sodaatinaa'a; ani bikka Rabbii bu'aa?
20Isin waan hamaa natti yaaddan; Rabbi ammo banii baay'ee hambisu'uuf yaadee akkuma adha argitan kana godheera.
21Ammallee hin sodaatinaa'a; ani isinii fi ijoollee teessanillee hin nyaachisaa» jedhee isaan jajjabeessee isaan gammachiise.
Du'a Yooseefii22Yooseef maatii abbaa ufii woliin biyya Misirii keessa jiraate; inni woggaa dhibbaa fi kudhan jiraate;
23Yooseef ijoollee Efreemii haga abaabayyu'uu arge; ilma Minaase'eetii fi ijoollee Maakiriillee akkuma ijoollee ufiititti laale.
24Achiin maayessa Yooseef obboleewwan ufiitiin «Ani du'uu gayeera; Rabbi ammo isin tooyata; biyya tanaallee isin baasa; gara biyya Abrahaamii, Yisaaqii fi Yaaqoobii kennu'uuf kakateetitti isin galcha» isaaniin jedhe.
25Yooseef ijoollee Israa'eliitiin «Hennaa Rabbi isin tooyatee asii isin baase lafee tiyya fuutanii akka deemtan» jedhee isaan kassiise.
26Yooseef woggaa dhibbaa fi kudhanitti du'e; reeffa isaa urgooftu'uun dibanii yabala keessa kaayan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.