Kitaaba Faaru'uu 70 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Gargaarsa Argachu'uuf FaateffatanFaaruu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatiif dhiyaate; yaadanno'oof.

1Waandhana! gara kiyya gorii na oolchi;

Yaa Rabbi! na gargaaru'uuf ariifadhu.

2Worri jireenna kiyya balleessuu barbaadan;

haa saalfatanii; raafamni isaanitti haa dhufu.

worri miidhama kiyya hawwan;

salphatanii duubatti haa deebi'an.

3Worri natti «Hashu! hashu!» jedhan;

rifatanii duubatti haa deebi'an.

4Worri si barbaadan maruu ammo;

siin haa usheexxanii; haa gammadanii

worri fayyisuu kee jaalatan maruu

hennaa maraa «Rabbi haa kabajjamu» haa jedhan.

5Ani garuu dadhaba'aa fi rakkata'a;

Waandhana! dafii na dhaqqabi;

Gargaaraan kiyya; ka na oolchullee si waan ta'eef

Yaa Rabbi! hin turin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help