1Faaruu haarawa Rabbii dhiyeessaa'a;
inni waan maalalee godheef;
harki isaa ka mirgaa; irreen isaa woyyuun;
fayyummaa raawwataniiran.
2Rabbi fayyisuu ufii beessise;
banii afo'otti balchummaa ufii mudhise.
3Mana Israa'eliitii jaalala ufii;
amanamummaa ufiillee hin yaadeef;
daangaawwan ardi'ii maruu;
fayyummaa Waaqa keennaa laalaa'a.
4Ardiin maruu Rabbii ililfadhaa'a;
jajuu dhageessisaa'a; gammachu'uu fi faaru'uun
isa galatoonfadhaa'a.
5Rabbii kiraara sagalee guddaa dhageessisu dhaya'aaf;
kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi
laagaa faaru'uutiin isa faarsaa'a.
6Booba'aa fi xurumba'aan;
Rabbii mootii afo'otti ililfadhaa'a.
7Galaanninii fi ka isii keessa jiru maruu;
adunyaanii fi ka isii keessa jiraatu maruu haa huursanii.
8Laggiin harka haa dhayanii;
gaarranillee wol ta'anii haa faarsanii.
9Kunniin Rabbiin afo'otti haa faarsanii;
Inni ardii irratti murteessu'uuf waan dhufuuf;
adunyaa irratti balchumma'aan;
banii irratti dhuga'aan murteessa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.