Raajii Ermiyaasii 41 - Kitaaba Woyyuu

1Baruma kana ji'a arfeesso'ootitti worra gugurdaa baallii qaban ka mootichaa keessaa namni tokko nama maatii moototaa keessaa Ismaa'el ilmi Naataanii ilma ilma Eelshaamaa'ii namoota kudhanii woliin Gadaaliyaa bulchaa biyyaa laalu'uuf gara Mitsipha'aa dhaqe; isaan maruu uduu wol gayanii waa nyaata'aaran,

2Ismaa'elii fi namoonni kudhanii Gadaaliyaa mootiin Baabiloonii Yihuudaa irratti moosise guraade'een ajjeesan.

3Ismaa'el Yihuudotaa fi loltoota Baabiloonii worra Mitsiphaa keessa Gadaaliyaa woliin jiranillee uduu hin hafne fixe.

4Bariisaa san akka Gadaaliyaan du'e eennullee uduu hin beenne

5dimmaa namoonni saddeettamaa Sheekeemii, Sheelo'oo fi Samaariyaa keessaa dhufan; isaan gaddanii areeda haadatanii, uffata ufii biinxanii fuula ufii taraaranii turan; kennaa midhaaniitii fi hixaana mana woyyuu keessatti kennanillee qabatanii turan.

6Kanaafuu Ismaa'el booya'aa Mitsiphaa keessaa isaan simachu'uuf baye; haga isaanitti dhiyaate, «Gara Gadaaliyaa ilma Ahiqa'aa koottaa'a!» isaaniin jedhe.

7Akkuma namoonni sunniin qachattii keessa seenaniin Ismaa'elii ilma Naataaliitii fi worri isa woliin jiran isaan ajjeesanii boollatti isaan gatan.

8Namoota saddeettamaa keessaa namoonni kudhanii «Yabo'oo nu hin ajjeesin, nu qamadii, garbuu, dhadhaa ejersaatii fi damma qonna keessatti dhoffanneerru heddu qabnaa» jedhanii Ismaa'eliin kadhatan; innillee isaanii araarame.

9Boolli isaan namoota sanniin ajjeesanii itti gatan sun boolla guddaa mootiin Israa'elii Baa'ishaan hennaa balaa buusu boolla mootiin Aasaan ufiin eegu'uuf qochisiise ture; Ismaa'el boolla san reeffaan guute.

10Achiin maayessa haawwota manaa mootichaatii fi banii hafan Mitsipha'atti hidhe; kunniin maruu Nabuzaardaanii ajajaa loltoota mootii Baabiloonii akka Gadaaliyaa jala jiraatan yaboo kennee ture; Ismaa'el garuu kanniin maraa booji'ee gara fuullee bulchiinsa Amoonii qabatee ceeye.

11Yohaana'aa fi worri loltoota masakkan ka isa woliin jiran maruu yakka Ismaa'el raawwate dhagayan.

12Kanaafuu namoota ufii maraa woliin ari'anii haroo guddaa Gabaa'oniin keessa jiru laddatti dhaqqaban.

13Worri Ismaa'el hidhee fuudhee deemeen maruu haga Yohaana'aa fi masakkoota loltootaa ka isa woliin jiran argan hin gammadan.

14Uf irra deebi'anii fiiganii isaanitti makaman.

15Ismaa'elii fi namoonni saddeetii garuu Yohaanaa jalaa dheessanii gara biyya Amoonii baqatan.

16Kanaan maayessa Yohaana'aa fi masakkoonni loltootaa ka isa woliin jiran loltoota, dubartoota, daa'immanii fi worra baallii qaban ka Ismaa'el haga Gadaaliyaa ajjeeseen maayessa Mitsiphaa keessaa booji'ee fudhate maraa deebisan.

17-18Isaan Gadaaliyaa mootiin Baabiloonii moosise waan Ismaa'el ajjeeseef worri Baabiloonii balaa nu irra geessan jedhanii sodaatanii turan; kanaafuu isaan worra Baabiloonii jalaa dheessanii gara biyya Misirii baqatu'uuf ka'anii hulee Geruut Kimihiim jedhamtu ta Beteliheemiin ladda jirtutti hara baafatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help