Raajii Miikiyaasii 1 - Kitaaba Woyyuu

Huuruu Booyaa Ka Samaariya'aa Fi Yerusaalemiin Keessatti Ta'u

1Bara Iyyoo'aataam, Akaazii fi Hisqiyaas wol faana biyya Yihuuda'aa irratti mooyan dubbiin Rabbi Mikiyaasii nama gosa Mooriititti mudhataan waan Samaariya'aatii fi waan Yerusaalemii mudhise kana.

2Isin baniin maruu waan kana dhagayaa'a!

worri biyyattii keessa jiraattan maruu waan kana caqasaa'a!

Rabbi Gooftaan hulee woyyuu ufii irra taa'ee isin ajiifata.

3Rabbi hulee ufiitii ka'ee dhufa;

bu'eellee gaarran irra deema.

4Hennaa san akkuma gagaan dammaa ibiddaan baquu fi

bisaan gooddaa gad yaa'u

akkasuma gaarran isa jalatti baqan;

lafti dhooqaa maruu hin babbaqaqa.

5Kun maruu wonti ta'eef sababaa worri Israa'elii yakka hojjataniif; akka baniin Israa'elii dhiban wonti sababaa ta'e maali'i? qachaa guddittii Samaariya'aatii mitii? baniin Yihuuda'aa waaqa tolfamaa waaqeffata'aa akka cubbuu hojjatan ka godhe eennu? Yerusaalemii mitii?

6Kanaafuu Rabbi akkana jedha, «Ani Samaariyaa akka tuulaa mana diiggamee ka raasa'atti mudhatuu isii godha; isiin hulee biqiltuu woyini'ii itti dhaaban taati; dhagaa diiggame ka qachatti'ii gara dhooqaa gad jissa; hunndeewwan isi'ii ifatti baasa.

7Fakiiwwan isi'ii maruu hin caccaban; gatiin worra hulee woyyu'uutitti seebaranii kennamu maruu ibiddaan gubata; waaqolee tolfamaa isi'ii maraa hin balleessa; Samaariyaan wonti fakiiwwan kanniin wolitti qabdeef gatii seebaraaf kennamu godhatu'uuf; ammallee diintonni isi'ii seebaraaf itti fayyadaman.»

Badii Yihuudaa Irra Gawu

8Achiin maayessa Mikiyaas akkana jedhe, «Ani sababaa kanaaf Bade! bade! jedha'aa booya; gadda kiyya mudhisu'uuf nafa qulla'aa fi luka duwwaa deema; akka jeedalaa iyya; akka guchi'iititti laagaa booyichaa dhageessisa.

9Madaan Samaariya'aa ka fayyuu danda'uu miti; rakkinni kun Yihuudaa irrallee gayeera; hulee baniin kiyya itti wol gayan bayima itti bayan ka Yerusaalemiillee gayeera»

10Rakkoo nu irra gaye diintota teenna ta Geetiin keessa jiranitti hin himinaa'a; achitti sirima hin booyinaa'a; worra keenna ka Oofraa jiran keessatti ammo daaraa irratti gangalata'aa booyaa'a.

11Isin banii biyya Shaafirii! qullaa booji'ama'aatii saalfata'aa lufaa'a; worri biyya Tsaa'inaanii keessa jiraatan ugganii qachattii keessaa hin bayan; Beeti'eeltseel hulee booyaa waan taateef irkoo isinii taatee hin dandeettu.

12Baniin biyya Maarootii waan misha'atu nuu dhufa jedhanii abdatan; Rabbi ammo Yerusaalemiin irratti badii buuseera;

13worra biyya Laakishii keessa jiraatan! yakki Israa'elii waan isin irra jiruuf worra jalqaba Yerusaalemiin keessatti cubbuu hojjate waan taataniif faradoo keessan ta gaarii fardaa lugaamadhaa'a.

14Banii Yihuuda'aa, eeganaa isin Moresheet gaatii kennaa geegessa'aa kennitan; baniin biyya Akizibiimii mootota Israa'elii gowwoomsan.

15Banii biyya Mariisa'aa! ani diintota isin woraanan isinitti fida; bulchoonni Israa'elii worri kabajjaman goda Adulaamiititti dhokatan.

16Isin banii biyya Yihuuda'aa! ijoollee teessan waan booji'anii fudhataniif sababaa kanaaf ijoollee teessan ta jaalattan tanaaf gadda'aa mataa haadadhaa'a; mataan keessan akka rumichaatitti moluu haa ta'uu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help