Mudhata Yohaannisii 4 - Kitaaba Woyyuu

1Achiin maayii ani ol laalee samii keessatti balbala baname arge. Laagaa akka xurumba'aatitti natti dubbatu dhagaye. Laagaan duraan dhagaye, «As bayi ani waan duranaa ta'u'uuf ta'u sitti mudhisaa» naan jedhe.

220:11; Far. 47:8; His. 1:26; 10:1; Isa. 6:1 Anillee yoosuu Ayyaanaan guuttame; samii keessa teessoon kaayameera; teessoo san irra namatu taa'eera.

3His. 1:26-28 Ka teessoo san irra taa'eeru bifti isaa akka dhagaa gatii guddaa Iyyaasphiidiiniitii fi Sardinoonii calanqisee mudhata. Naannaya teessoo sanii funyaan karaabaa ka bifti isaa dhagaa Maraagidii fakkaatutu jira.

4Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaasa muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran.

51:4; 8:5; 11:19; 16:18; Ser. Ba'u. 19:16; His. 1:13; Zakk. 4:2 Teessoo san keessaa laagaa bakakka'aatii fi gigissa'aatitu baya. Teessoo isaa afoo ifaa ibiddaa torbatu ifa'aa ture. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban.

615:2; 5:6,8; His. 1:5,18,22 Afoo teessoo isaa waan galaana bilillee fakkaatu ka akka uf arga'aa qulqullaayeerutu jira. Wodhakkaa naannoo teessoo sanii bineensonni uumamaa afurtu jira. Isaanillee duraa duubaa ija qaban.

7Bineensa sanniin keessaa ka duraa leenca fakkaata. Ka lammeesso'oo waatiyyoo fakkaata. Ka sadeesso'oo fuulli isaa akka fuula namaati; ka arfeesso'oo ammo bajjaan fakkaata.

8His. 1:6,11,18; 10:12; Isa. 6:2-3; Mudh. Yoh. 1:4 Busaayaan arfanuu koola jaha jaha qaban. Keessaa fi gubbaan isaanii ija heddu qaba. Isaan halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafatin.

«Waaqa Gooftaa waa maraa danda'u,

ka dur jiru, ka ammallee jiruu fi ka dhufu'uuf ta'u,

Woyyuu, Woyyuu, Woyyuu!» jedha'aa faarfatan.

9 Dan. 6:26 Busaayonnillee ka teessoo irraa ta'ee fi ka baraa haga bara baraa ka jireennaan jiraatu hennaa ulfinna jaju'u fi galata isaa kennaniif,

10Yoh. 1:3; Efe. 3:9 Manguddoonni diddamii afurii afoo ka teessoo irraa taa'eeruutitti kufanii baraa haga bara baraatitti ka jireennaan jiraatuu sagada'aa;

11«Gooftaa keennaa fi Waaqa keenna,

«Ati maraa waan uumteertuuf,

fedhii keetiif waan jiraataniif,

ulfinni, jajamuunii fi hunnillee keeti» jedha'aa

afoo teessoo isaatitti sagadan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help