Kitaaba Mammaakaa 12 - Kitaaba Woyyuu

1Namni gorsa jaalatu beekkumsa jaalata;

ka sirraayuu jibbu garuu dooma'a.

2Namni mishaan Rabbiin biraa gaachena argata;

dharticha garuu Rabbi itti murteessa.

3Namni hammeenna irratti hundaayee jabaachuu hin danda'u;

balchoonni garuu hulee ufiitii hin socho'an.

4Dubartiin michuun abbaa manaa ufiitiif gaachena;

haati manaa salphiftuun garuu akka dhukkuba lafee nyaatuuti.

5Yaanni balchootaa qajeela'a;

gorsi hammeeyyi'ii garuu dhara uf keessaa qaba.

6Jechi hammeeyyi'ii dhiiga dhangalaasisiisa;

dubbiin balchootaa garuu isaan oolcha.

7Hammeeyyiin gara galan; sirimaa badan;

manni balchootaa garuu jabaatee dhaabata.

8Namni ogummaa ufiitiin galatoonfama;

worri onnee micciiramaa qaban garuu tuffatamtoota.

9Nama waan nyaatu hin qabne ka uf jaju irra;

nama gad uf qabee hojjata'aa nyaata argatu woyya.

10Namni balchaan hori'ii garaa laafa;

hammeeyyiin garaa laafan uduu jedhamelle'ee

naannayee hujiin isaanii garuu garjabeenna.

11Namni lafa ufii qotu nyaata irraa hafaa argata;

namni abdii duwwaa ari'u garuu

waa wol bira qabu'utu hanqataan.

12Cubbamtoonni boojuu hammeeyyi'ii hawwan;

hiddi balcha'aa garuu hin babadhata.

13Namni hamaan jechuma hamaa ufiitiin qabama;

namni balchaan garuu rakkoo jalaa baya.

14Namni sababaa afaan ufiitiif waan misha'aan guuttama;

akkuma hujii harka ufiitiin gatii ta'uuf argata.

15Nama gowwaa karaan isaa sirrii itti fakkaata;

namni ogeessi garuu gorsa dhagaya.

16Nama gowwaa aariin isaa yoosuu itti beekkama;

namni hubatu garuu arraba tuffatee dhiisa.

17Namni dhuga'aa dhugaa raga;

ragaan sobaa garuu soba dubbata.

18Dubbiin akka malee dubbatamu akka guraade'ee nama woraana;

arrabni ogeessaa garuu hin fayyisa.

19Arranbi dhugaa dubbatu baraa haga bara baraa jiraata;

arrabni sobaa garuu hennamaaf.

20Garaa namoota dhara dhayuu keessa sobatu jira;

worri nagaya adeemsisan garuu gammachuu qaban.

21Balchoota miidhaan isaan hin argatu;

hammeeyyiin garuu worra rakko'oon guuttame.

22Rabbi arraba sobaa hin jibba;

namoota dhuga'aatitti garuu hin gammada.

23Namni hubataan beekkumsa dhoffatan;

garaan gowwa'aa garuu wollaala odeessa.

24Namni jabaatee hojjatu bulchaa ta'a;

dhumti ceem'aalessaa garuu hujii garbumma'aati.

25Garaan nama shukuluu gaddaan duudhatama;

jechi mishaan garuu hin gammachiisaan.

26Namni balchaan jaalalloo ufiitii gorsa mishaa kenna;

karaan hammeeyyi'ii garuu gara dogoggoraa isaan qajeelcha.

27Namni amshaaggaan kama dhadhoolee fidee woddee in nyaatu;

ka jabaatee hojjatu garuu qabeenni isaa gatii guddaa qaba.

28Karaa balchumma'aa irra jireennatu jira;

karaa san irra garuu duuti hin jirtu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help