1Eelihu ammallee akkana jedhe,
2«Ammallee waan Rabbii waan dubbadhu waan qabuuf,
sitti himaa diqqoo naa obsi.
3Beekkumsa Rabbiin irraa argadheen;
Rabbi uumaan kiyya akka dhugaa ta'e ibsa.
4Dubbiin kiyya soba uf keessaa hin qabu;
ani ka si woliin dubbadhu beekkumsa guutuu akka qabu beeki.
5«Dhugamaan Rabbi jaba'a;
eennuunillee hin tuffatu;
Inni hubannaa ufiitiin jaba'a.
6Inni hammeeyyii akka jiraatan hin godhu;
worra rakkatanii garuu haqaan murteessa.
7Ija ufii qajeellota irraa hin fageessu,
akka moototaatitti teessoo irra isaan kaaya;
bara haga bara baraa isaan kabajja.
8Garuu namoonni uduu haada sibiilaatiin hidhamanii;
yookaan uduu siiboo rakko'ootiin qabamanii,
9Cubbuu isaan uf jaju'uun
hojjatan ifa jalaa baasa.
10Gurra isaanii akka gorsa isaa dhagayan banaaf;
akka cubbuu irraa deebi'an isaan ajaja.
11Isaan uduu isa dhagayanii tajaajilaniinii;
umurii ufii misoomaan,
bara isaanii ka hafellee qanani'iin fixatan.
12Yoo dhagayuu baatan garuu guraade'een dhumatan;
wollaala ufiitiin dhuman.
13«Worri Rabbiin irraa fagaatan hennaa maraa lola'aa jiraatan;
yoma Inni isaan adabuu aagii galu'uuf hin kadhatan.
14Uduu daa'imumma'aan jiran du'an.
jireenni isaanii worra dhiira dhiira fafeessu keessatti bada.
15Rakkataa rakkoo keessaa baasa;
rakkoo isaan irra gayeenillee isaan barsiisa.
16«Amma wonti Rabbi fedhu,
rakkoo afaan sitti banu keessaa,
gara hulee badhaa rakkinni hin jirree,
gara hulee nyaanni filatamaan jiruutitti si baasa.
17Amma garuu waan murtiin worra hammeeyyi'ii sitti murteeffameef,
adabbii si barbaachisu fudhata'aarta.
18Eennullee qabeenna guddaa qabuun si hin sobin;
gabbarsuu sii kennu'uunillee akka karaa irraa si hin dabsine uf eegi.
19Qabeenna qabaachuun keetii fi jabeenni hunna keetii maruu
rakkoo malee akka jiraattu si gargaaraa?
20Hennaan baniin hulee ufiitii badan;
guyyaan dukkanaa akka dhufu hin hawwin.
21Wonti rakko'oon qorama'aartuuf sababaa kanaaf waan ta'eef
deebitee waan hamaa hojjachuu irraa uf eegi.
22Rabbi hunna ufiitiin waan guddaa godha;
barsiisaan akka Isaa eennu?
23‹Waan kana godhi› jedhee ka isa ajaju;
yookaan, ‹waan hamaa hojjatteerta› jedhee ka isa himatu eennu?
24Akkuma namoonni hennaa maraa hujii inni hojjatuuf faaru'uun isa galatoonfatan,
atillee waan hujii isaatiif faaru'uun galatoonfadhu.
25Namoonni maruu hujii isaa arganiiran.
worri fago'oollee arganiiraniin.
26Rabbi gudda'a; nu garuu isa hin beennu;
laakkobsi bara isaallee hin qoratamu.
27«Rabbi bisaan galaana irraa ol harkisa;
samii irraallee rooba roobsa.
28Duumessa irraa rooba coccobsa.
baay'innaan namootaa rooba.
29Wolitti guuramuu duumessaa,
gigissaa keessaan attamitti akka
dubbatu ka hubatu eennu?
30Inni naannoo ufiititti ifa hangaasu'uu diriirsa;
gad fageenna galaanaallee hin golga.
31Akkaataa kanaan Rabbi banii maraa bulcha;
nyaatallee guddisee isaanii kenna.
32Inni bakakkaa harkaan qabatee;
hulee barbaadetti gad dhiisa.
33Gigissa'aan rooba guddaa dhufu mudhisa;
bineensonnillee kirfaffuun akka dhufu hin beekan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.