1Mootichi Sedeqiyaas Yihuudaa irratti mooyee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo keessa mootiin Baabiloonii loltoota ufii maraa woliin dhaqee Yerusaalemiin marse.
2Sedeqiyaas mooyee woggaa kudha tokkeesso'oo ji'a arfeesso'oo guyyaa sagaleesso'ootitti dalloofni qachatti'ii diiggame.
3Hennaa qachattiin Yerusaalemii qabamte worri baallii qaban ka mootii Baabiloonii dhaqanii karaa dallawa karra wodhakka'aatiin hulee gara garaa qabatan; Nergaal-Shaareer, Samgaar-Nebuu, Saar-Sekiim, namni biraa ka Nergalishaaretser jedhamuu fi akkasuma namoonni biraallee isaan keessatti argaman.
4Mootichi Sedeqiyaasii fi loltoonni isaa maruu haga waan ta'e maraa argan halkaniin bayanii qachattii keessaa dheessanii bawu'uuf badadanii karaa kolba hulee biqiltuu itti dhaaban ka mana mootumma'aa biraan karaa gara karra dalloofni lamaan wolitti dhufuutiin kutanii gara fuullee dhooqa Yoordaanosiitiin dheessanii bayan.
5Garuu loltoonni Baabiloonii duubaan isaan ari'a'aa raasaa Iyyaarikoo ladda jiru biratti dhaqqabanii Sedeqiyaasiin booji'anii mooticha Nabukadanatsooriin bira fidan; hennaa san mootichi Nabukadanatsoor qachattii Ribilaa jedhamtee waamamtu ta bulchiinsa Haamaatii jala jirtu keessa ture; mootichi Nabukadanatsoor achumatti mootii Sedeqiyaasitti murteesse.
6Murtiin kunillee Ribilaa keessatti uduu ijji mootii Sedeqiyaasii argu ijoollee isaa akka ajjeesan taasise; worra baallii qaban ka Yihuuda'aa maraa murtii du'aa isaanitti murteessan.
7Waan kanniin maraan maayessa Sedeqiyaasiin ija keessaa baasee gara Baabiloonii fidu'uuf haada sibiilaa ka sibiila diima'aatiin hidhe.
8Worri Baabiloonii dallawa Yerusaalemii maraa diiganii mana mootumma'aatii fi manniin jireennaa ka bani'ii maraa ibiddaan guban.
9Dhuma irratti Nabuzaardaan hojjataan kabajjamaan worra balbala eegu ajaju ka mootii jala hojjatu banii qachattii keessatti hafanii fi worra firrisanii gananii itti dheessan maraa wolitti qabee haa hidhamani'iif gara Baabiloonii isaan fide.
10Worra hiyyeeyyii qabeenna woyiituu hin qabne biyya Yihuuda'aa keessatti dhiisee hulee woyinii itti dhaabatanii fi lafa qotatan isaanii kenne.
Ermiyaas Mana Hidha'aatii Hiikkame11Nabukadanatsoor Nabuzaardaanii kabajjamaa worra balbala eegan ajajuun,
12«Ka'ii deemii Ermiyaasiin soqii waan inni barbaadu maraa godhiif malee womaanuu isa hin miidhin» jedhee isa ajaje.
13Kanaafuu Nergaal-Shaarezer Nabushaazibaa, Nergaalishaaretsi jedhamanii namoota baallii qaban ka Baabiloonii kaawwan woliin,
14Kutaa worra balbala eeganii ka dallawa mana mootumma'aa keessaa hulee ani itti hidhamee akka bayu na taasise; Gadaaliyaa ilma Ahiqaa ilma ilma Saafaaniitiin gara mana kiyyaa na geessan; anillee banii kiyya woliin achi jiraadhe.
Abdii Abemelekii Kenname15Uduu ani baya mana mootumma'aa keessatti hidhameeru dubbiin Rabbii gara kiyya dhufe;
16Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii Abemelekii nama Itoophiya'aa «Akkuma armaan dura dubbadhe qachattii tanatti durummaa uduu hin taane badii fida; ati qachattii tana keessa teettee waan ta'u maraa ija keetiin argita.
17Garuu ani Rabbi guyyaa san si oolcha diintota ati sodaattutti dabarsanii si hin kennan;
18ani waan nagayaan si eeguuf hin duutu; ati waan na hedatteef lubbu'uun jiraatta; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedhee akka himu na ajaje.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.