Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 10 - Kitaaba Woyyuu

1Saamu'eel dhadhaa ejersaa fuudhee mataa isaa irratti buusee dhungateen. Achiin maayessa, «Rabbi bulchaa banii Rabbii ka Israa'elii akka taatu si muudeera; banii Rabbii hin bulchita diintota naannaya isaanii jiru jalaallee hin oolchita;

2Adha yoo na biraa deemtu hulee Xeelsaa jedhamee waamamu ka bulchiinsa Biiniyaamii keessatti argamu awwaala Raaheelii biratti namoota lamaa argita; isaan harriin ati soqa'aartu waan argamteef abbee waan harriinii yaaduu dhiisee ani waan ilma kiyyaa atta godha› jedhee waan keetiif hin yaaddaya'aara siin jedhan.

3Achii deemtee muka guddaa Taaboorii bira geetta achitti namoonni sadihii tokko ilmoolee re'iinii sadihi, ka lammeesso'oo daabboo sadihii, ka sadeesso'oo garuu qalqala daadhii woyini'ii qabatanii gara Beeteel mana Rabbii hennaa dhaqan si arganii,

4nagaya si gaafatanii daabboo lamaa sii kennan; atillee isaan irraa fudhatta.

5Achiin maayessa hulee duultonni Filisxeemii jiran, gara gaara Rabbii dhufta yoo qachattii bira geette, gumii raattotaa ka meeshaa faaru'uu kabalaa'a, dibbee, ululle'ee fi masiinqoo qabatanii raaga dubbata'aa gaara gubba'aa hennaa bu'an isaan argita.

6Dimmaa Hafuurri Rabbii si irratti bu'a; atillee isaanuma woliin raaga dubbatta; akka nama biraa taatee jijjiiramta.

7Hennaa malkanni akkanaa kunniin ta'u Rabbi waan si woliin jiruuf waan hojjachu'uuf taatu maraa hojjadhu.

8Hulee ani ciincaa itti ciincessuu fi hulee ciincaa fayyumma'aa irratti dhiyeessu, gara Gelgela'aa na firriftee dhaxxa ani achitti ciincaa ciincessa; haga ani gara kee dhufee waan gootu sitti himuuf haga guyyaa torbaa achuma turi» jedheen.

9Saa'ol Saamu'eeliin biraa deeme, Rabbi Saa'oliin nama haarawa taasise; gaafas malkanni kunniin maruu hin ta'eef.

10Haga inni Tulluu san bira gaye Hafuurri Rabbiillee hunna gudda'aan isa irratti bu'e; innillee isaan jiddu'utti raaga dubbate.

11Worri dura isa beeku maruu hennaa inni raattota woliin akka raaga dubbatu argan, «Ilma Qiisii maaltu tuqe? Saa'ol gosa worra raattotaatii?» jedhanii wol gaafatan.

12Namni achi jiru tokko «Abbaan isaanii eennu?» jedhee gaafate. Kanaafuu wonti «Saa'ol gosa worra raattotaatii?» jedhameef kanaaf.Sam. 1ffaa 19:23-24

13Saa'ol haga raaga dubbatee fixe gara Tulluu ciincaa itti ciincessanii ol baye.

14Eessumni Saa'olii, Saa'olii fi hojjataa isaa «Haga adhaa eessa turtan?» jedhee isaan gaafate; innillee «Harriin soqaa deemne dhabnee gara Saamu'eelii gorre» jedheen.

15Eessumni Saa'olii «Yabo'oo waan Saamu'eel sitti hime natti himi» jedheen.

16Saa'ol eessuma ufiitiin «Akka harriin teenna ta badde argamte nutti hime» jedhee deebiseef malee waan mootummaa ufiitiif waan Saamu'eel itti hime maraa itti hin himne.

Akka Saa'ol Mootii Ta'e Addaataa Himame

17Saamu'eel banii Rabbii Mitsipha'atti wolitti qabe;

18Rabbi Waandhi Israa'elii ijoollee Israa'eliitiin akkana jedhe, «Rabbi Waandhi Israa'elii ‹Ani Israa'eliin biyya Misiriitii baase, mootota biyyaa ka isaan rakkisu jalaa isaan baase›

19Adha ammo Waaqa keessan ka rakkinnaa fi dhiphinna maraa jalaa isin baase dhiiftaniirtan, ‹Akki kun garuu hin ta'uu; mootii nuu moosisi› jettaniin. Amma gosaa fi worra keessan woliin Rabbiin afoo dhiyaadhaa»

20Kanaan maayessa Saamu'eel gosa Israa'elii maraa Rabbiin afoo dhiyeesse; gofti Biiniyaamii ammo hixa'aan filatame;

21ammallee Saamu'eel maatii gosa Biiniyaamii maraa akka dhiyaatan godhe; achii worri Maaxirii hixa'aan filatame; dhuma irratti maatii Maaxirii keessaa worra dhiiraa akka afo'otti bayan godhe; isaan keessaa ilma Qiisii Saa'oliin hixaan qabe isaan ammo hennaa isa soqan hin argineen.

22Kanaaf isaan «Ammaa achi namni Rabbii ka gamana dhufu jiraa?» jedhanii gaafatan.

Rabbi akkana jedhee isaanii deebise, «Inni kunoo meeshaa keessatti dhokateera» jedhe.

23Isaanillee fiiganii dhaqanii achii fidanii banii jidduu dhaabsisan baniin akka Saa'ol gurmuun isaa akka badha'aatii fi hojjaan isaa dheeraa banii maraa taru akka ta'e argan.

24Saamu'eel banii maraanuu, «Namni Rabbi filate kunooti nu jiddu'utti namni isa fakkaatu tokkollee hin jiru» jedhe; baniin maruu laagaa ol qabatanii, «Mootichi woggaa dheeraa haa jiraatu!» Jedha'aa ililfatan.

25Saamu'eel bani'itti waan mootii tokkoo ta'uufii barbaachisu maraa isaanitti hime; waan sanniin maraa kitaabatti barreessee Rabbiin afoo kaaye; achiin maayessa banii maraa gara mana ufii akka dacha'an godhe.

26Saa'olillee gara mana ufii gara Gibi'a'aa deebi'e; namoonni jajjabaan Rabbi onnee isaanii tuqellee isa woliin deeman;

27garuu namoonni adaba hin qabne tokko tokko «Amma namichi kun nu oolchuu danda'aa?» woliin jedhanii kennaa woyiituu uduu isaa hin finne tuffataniinii didan; Saa'ol ammo hin cadhise.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help