Seera Bayu'uu 39 - Kitaaba Woyyuu

Akkaataa Uffata Gadootaa Itti Hojjatan(Ser. Ba'u. 28:1-14)

1Akkuma Rabbi Muusee ajaje mana woyyumma'aa keessatti akka tajaajiluuf uffata bulee bifa sami'ii, diimaa dhiilgee ogumma'aan hojjatame uffata qulqulluu Aaroonii hojjatan.

2Akkuma Rabbi Muusee ajaje efuudii worqii irraa, bulee bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa jirbii irraa hojjatame hojjate;

3worqiillee tumanii akka baalaa haphisanii mummuran; akkuma hojjataan ogeessi hojjatutti uffata bulee, diimaa dhiilgee, uffata mishaa jirbii irraa hojjatame wolitti hodhan.

4Gamni lachuu wol qabata; efuudii gurmuu gubba'aan wol qabsiisan.

5Akka Rabbi Muusee ajajetti hujii kana fakkaatu worqii, uffata bulee, diimaa dhiilge'ee fi uffata jirbii mishaa irraa hojjatame hojjatan.

6Dhagaa gatii gudda'aa akka chaappa'aatitti bocanii maqaa ijoollee Israa'elii irratti qirqidan.

7Dhagaan kun yaadannoo ijoollee Israa'eliitiif akka ta'u efuudii gurmu'uu irra qaxxaammursanii kaayan.

Akkaataa Uffata Qomaa Itti Hojjatan(Ser. Ba'u. 28:15-30)

8Akkuma Rabbi Muusee ajaje uffata qomaa akka efuudii ogeessi hojjatuutitti worqii, jirbii bulee bifa sami'ii, jirbii diimaa dhiilgee, jirbii misha'aa fi jirbii uffata gad dirataniin hojjatan irraa hojjatan;

9inni roga afur qaba; uffata qomaa dachaa godhan; dheerinni taakkuu tokko, dalgillee taakkuu tokko; kunniin maruu dacha'a.

10Dhagaawwan gatii gudda'aa duraa duubaan afur godhaniif; gara afo'ootiin sardiyoon, toophaaziyoonii fi dhagaa gatii gudda'aa calalaqaa godhaniif;

11gama lammeesso'ootiin baluur, sanpeerii fi almaaziin godhaniif;

12gama sadeesso'ootiin yaakinti, kelqedoonii fi ameeteesxinoos;

13gama arfeesso'ootiin biralee, maraagidi, Iyaasphiid; dhagaa kanniin maraa worqi'iin diban.

14Dhagaawwan gatii gudda'aa sunniin maqaa ijoollee Israa'elii kudha lamman qaba; akkuma maqaa isaaniitiin akka chaappa'aatitti maqaan isaanii qirqidame; kun waan gosa ijoollee Israa'elii kudha lamaati.

15uffata qomaa haada miseensa miseensamee godhanii worqii mishaa irraa hojjatan.

16guduunfaa worqi'ii lama qubee worqi'ii fakkeessanii hojjatan; guduunfaa lamaa uffata qomaa gamaa gamanatti tolchan.

17Miseensa worqi'ii ka miseenfame lamaan uffata qomaa lamaan gamaa gamana jiran keessa naqan;

18qaccee miseensa lamaanii qaalawa lamaan keessa naqanii efuudii gurmuu irraan gara afo'ootiin gad diran.

19Qubee worqi'ii lama hojjatanii qaccee uffata qomaa ka waan gad diratan afo'oon jirutti godhan.

20Ammallee deebi'anii qubeewwan worqi'ii lama hojjatanii guduunfaa efuudi'ii lamaan ka gurmuu afo'oon gad bu'u woliin garaa jalaan wol qabsiisan; isaan kunniin hulee hidhata ogeessi ogumma'aan hojjate itti wol gawu biratti itti hojjatan.

21Akkuma Rabbi Muusee ajajetti uffanni qomaa sun akka hidhata san irra taa'utti diranii fuula duraa saniif akka gaachena ta'utti hiikkamee akka hin laafne uffata bulee, diimaa dhiilgee, qubee san uffata gad diratan ka afo'ootiin wolitti hidhan.

Akkaataa Uffata Gadootaa Ka Hafe Itti Hojjatan(Ser. Ba'u. 28:31-34)

22Akkuma Rabbi Muusee ajaje, uffata efuudi'ii bulee bifa sami'ii godhee;

23morma isaa wodhakka'atti baase; akka hin biinxamne naannaya mormaa goode.

24Handaara qaccee uffata gad diratanii bulee, diimaa dhiilgee, jirbii fooyame arrawa qaraaruu irraa hojjate.

25Worqii mishaa irraa bilbila hedduu hojjatanii naannaya isaa wodhakka'atti arrawa qaraaruu godhan.

26akkuma Rabbi Muusee ajajetti naannaya qaccee uffataatitti daraaraa muka roomaani'ii hojjatan.

27Akkuma Rabbi Muusee ajaje akkuma worri woyaa hojjatu midhaassanitti Aaroonii fi ijoollee isaatii shamisiiwwan,

28sabbata maratan, qoobiiwwanii fi surreewwan,

29sabbata hidhataniinillee jirbii bulee, diimaa dhiilgee, uffata gad diratan akka ogeessi hojjatutti bareechisan.

30Akkuma Rabbi Muusee ajaje, malkata ulfinnaa ka woyyoome worqii qulqullaaye irraa hojjatan; isa akka fakii chaappa'aa godhanii hojjatanii jecha «Woyyummaan Rabbiif» jedhu irratti barreessan.

31Haada jirbi'ii sabbata irratti rarraasu'uuf bifa bule'een irratti hidhan.

Dhuma Hujii Maraa(Ser. Ba'u. 35:10-19)

32Akkasuma daaseen hulee bulti'ii ka itti wol gayan maruu hojjatamee dhumate; akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoolleen Israa'eliillee akkasuma godhan.

33Daasee bulti'iitii fi meeshaa maraa Muuse'etti fidan; wonti isaan fidan waan ittiin qabatan, cufanaawwan, loosaawwan, utubaawwan, miillan,

34gogaa hoolaa arrawaa, gogaa dhifame ka isa irra dhayan,

35ka golga dacha'aa san dhossu, saanduuqa waada'aa, waan ittiin baatanii fi teessoo hulee ciinca'aa woliin,

36gabata'aa fi mi'a isaa maraa woliin, xoroshoo woyyuu Rabbiif dhiyaatu,

37baattuu ibsa'aa ka worqii mishaa irraa hojjatame; akkasuma teessoo isaatii fi meeshaa isaa maraa, dhadhaa ejersaa ka ifu,

38hulee ciinca'aa ka worqii irraa hojjatame, hixaana urgaa misha'aa, balbala daase'eetii fi golga isaa,

39hulee ciinca'aa ka sibiila naasi'ii irraa hojjatame, ittisa sibiila diimaa irraa wol keessa diramee hojjatame, waan ittiin baatan, meeshaa maraa, diimaa irratti dhiqatan,

40golgaawwan hulee itti wol gayanii, utubaawwan miillan isaanii woliin, golga afoo itti yaa'anii, haada isaa, xiribbaa isaa, meeshaa ittiin tajaajilan ka daasee wol gayi'ii maraa,

41uffata qandhafaa ka uffatanii hulee ciinca'aatitti hojjataniin, uffata gadichi Aaroon ittiin tajaajiluu fi uffata ijoollee isaati.

42Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoolleen Israa'elii maruu akkasumatti hojjatan;

43Muuseen waan kanniin maraa yoo laalu akkasumatti waan hojjataniif isaan eebbise.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help