1Daawiti gaaf tokko, «Jasaa waan Yoonaata'aatiif akka deebisu mana Saa'olii keessaa ka hafe jiraa?» jedheen.
4Mootichi, «Eessa jira?» Jedheen; Sibaan mootichaan «Inni mana Maakirii ilma Ami'eelii jira» jedheen.
5Kanaaf mootichi Daawiti ergee Loodobaarii mana Maakirii ilma Ami'eeliitii fijjisiise.
6Ilmi ilma Saa'olii Memfiboosteen gara Daawitii dhufee gad jedhee nagaya isa gaafate; Daawitillee «Memfiboostee!» jedhee waame; innillee, «Yaa!» jedhe.
7Daawiti, «Jasaa abbaa keetii ka Yoonaata'aa deebisu'uuf sii arjoomeeraa hin sodaatin; lafa akaakayyuu keetii ka Saa'olii maraa sii deebisa; atillee kooboo kiyya irraa nyaatta.
8Memfiboosteenillee, «Ana nama saree du'e fakkaatu ana gara garbicha keetii attamitti laalte? jedhee gad jedhee kabajjaa kenneef.
9Kanaan maayessa mootichi garbicha Saa'olii Sibaa waamee «Qabeenna Saa'oliitii fi maatii isaa maraa ilma isaa Memfibooste'eef kenneera;
10atii fi ijoolleen tee hojjattoonni tee lafa qota'aafii ilma gooftaa keetiitiif nyaata akka ta'u midhaan galchiif; ilmi gooftaa keetii Memfiboosteen garuu hennaa maraa kooboo kiyya keessaa nyaata» jedheen. Sibaan ijoollee kudha shanii fi garboota diddama qaba.
11Sibaanillee mootichaan «Gooftaan kiyya; mootii akkuma mootichi garbicha ufii ajaje ani garbichi keellee akkasuma godha.
Akka kanaan Memfiboosteen ijoollee mootichaa keessaa akka tokkootitti kooboo Daawitii irraa nyaata'aa ture.
12Memfiboosteen mucaa diqqaa Mikaa jedhamu qaba ture; namoonni mana Siba'aa jiran maruu Memfibooste'ee hojjatan ture.
13Kanaafuu Memfiboosteen luka lamaan naafaa Yerusaalemiin keessa taa'ee kooboo mootichaa irraa nyaata'aa ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.