Kitaaba Faaru'uu 58 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Akka Rabbi Worra Hammeeyyii adabuuf FaateffatanWeedduu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatiif sagalee «Hin balleessin» jedhuun dhiyaate.

1Isin worri jajjabaan! dhugama

waan sirrii ta'e hin dubbattanii?

isin ilmaan namaa! dhuga'aan murteessituu?

2Wa'a! garaa keessan keessatti dhara dhooftan;

harka keessaniin lafa irratti

dhiba dhooftan.

3Hammeeyyiin uduma garaa keessa jiran

worra karaa irraa baye;

hennaa dhalatan irraa jalqabanii

worra dogoggoranii fi sobdoota.

4Hadhaan isaanii akka hadhaa bofaati;

akka buutii dhageettii didda'aaf gurra cufatteeti.

5wonti gurra cufatteef jecha mortu'uu

yookaan jecha ogeessa ziirii daggamuu

dhagayuu didda'aaf.

6Waandhana! ilkaan isaanii

afaan isaanii keessatti cabsi;

Yaa Rabbi! a'oo leencanii bubuqqisi!

7Akka bisaan gubba'aa gad jiguutitti

dafanii haa badanii;

hennaa eboo ufii ol fudhatan

buundheen isaanii haa doomu.

8Akka gaafa arfoo ka uduu deemu baquu haa ta'an;

akka waan gara'aa gatame ka ifa hin arginee haa ta'an.

9Ibiddi qore'ee uduu keree isaanii hin oo'ifne;

haboonbolattiin jiidha'aa fi

gogaallee qixxema haxaayee isaan fudhata.

10Balchoonni hennaa haluu bayuu argan

hin gammadan;

miila ufii dhiiga dhartichaatiin dhiqatan.

11Namoonni, «Dhugama balchootaaf

gatiin isaanii taa'eera;

dhugamaan Waandhi

lafa irratti murteessu hin jira» jedhan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help