Kitaaba Faaru'uu 79 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Waan Nagaya Bani'iitiif FaateffamuFaaruu Asaafii

1Waandhana! baniin ristii kee qabatan;

mana kee woyyuu hin batteessan;

Yerusaalemiinillee diiganii balleessan.

2Reeffa garboota teetii allaattii sami'iitii;

foon woyyooya teetii busaawaa ardi'iitiif

akka nyaatan kennaniif.

3Dhiiga isaanii naannaya Yerusaalemiititti

akka bisaaniititti jissan;

ka isaan awwaalullee hin argamne.

4Nullee olloota keennaa worra cooraa;

worra naannaya keenna jiraniif worra kolfaatii fi

worra itti baldan taane.

5Yaa Rabbi!

kun haga yoomiiti?

baraa haga bara baraa loltaa?

hinaaffaan kee hoo akka ibiddaa bobaya'aa turaa?

6Banii si hin beenne;

mootota maqaa kee hin waamne irratti

balaa kee jissi.

7Yaaqoobiin waan nyaataniif;

bakka jireenna isaallee ona godhaniiran.

8Cubbuu abboota teennaa nutti hin laakkayin;

araarri kee dafee nu haa dhaqqabu;

hucuucama irra waan jirruuf.

9Waaqaa fayyisaa keenna taate!

ulfinna maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari;

maqaa keetiif jedhii nu oolchi;

cubbuu keennallee nuu dhiisi.

10Baniin, «Waandhi isaanii meeti?»

maaf haa jedhan?

dhiiga tajaajiltoota teetii ka jigee;

akka ati ija teenna afo'otti haluu baate baniin haa beekanii.

11Mararoon hidhamtoota teetii si bira haa gayu;

jabeenna irree keetiitiin

worra duuti itti murtaaye oolchi.

12Gooftaa! arraba ollaan keenna si arransan;

dachaa torba godhii isaanii deebisi.

13Nu'u baniin kee; ta akka hoolotaatitti bobbaaftu;

baraa haga bara baraa galata si dhiyeessina;

dhalootaa haga dhalootaallee

jasaa kee odeessina.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help