Kitaaba Faaru'uu 96 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Waa Maraa Caala(Sen. 1ffaa 16:23-33)

1Rabbii faaruu haarawa faarsaa'a!

ardiin maruu Rabbii faarsaa'a!

2Rabbii faarsaa'a; maqaa isaa eebbisaa'a!

fayyisuu isaa guyyama mara odeessaa'a!

3Ulfinna isaa banii jiddu'utti;

hujii isaa ka maalale'ee

namoota maraa afo'otti odeessaa'a.

4Rabbi waan guddaa ta'eef

jajuun isa barbaachisa;

waaqolee maraa irra sodaatamuu barbaachisa;

5waaqoleen ormaa maruu waaqolee tolfama'a;

Rabbi ammo samiiwwan uume.

6Ulfinninii fi gaachenni isa afoo jiran;

jabeenninii fi mishummaan

mana isaa woyyuu keessa jiran.

7Isin gosa bani'ii; Rabbiin galatoonfadhaa'a;

ulfinnaa fi jajjabeenna isaa jajaa'a.

8Ulfinna maqaa isaatiif ta'u Rabbii dhiyeessaa'a;

kennaa qabadha'aa bayima isaa keessa seenaa'a.

9Hulee woyyuu isaatitti Rabbiif sagadaa'a!

baniin ardi'ii maruu isa afo'otti holladhaa'a!

10Banii jiddu'utti «Rabbi mooye» jedhaa'a;

lafti jabeennaan hundeeffamteerti;

hin raafamtu;

Inni banii maraafuu wol qixa murteessa.

11Samiiwwan haa gammadanii;

ardiinillee haa usheexxituu;

galaanninii fi wonti isii keessa jiran maruu haa ililfatanii.

12Raasaanii fi wonti isii keessa jiru maruu haa gammadanii;

yoo san mukkiin bosonaa maruu

gammachu'uun faarfatan.

13Inni waan dhufuuf isa afo'otti faarfatan;

ardii irratti murteessu'uuf dhufa;

adunyaa irratti balchumma'aan;

banii irratti dhuga'aan murtii kennan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help