1Baniin akkana jedha, «Koottaa'a! gara Rabbii deebinaa! inni akkuma nu cabse nu fayyisaa; inni akkuma nu madeesse madaa keenna yaalaa.
2Nu'u isa afo'otti akka jiraannu guyyaa lamaan maayessa nu haarawoomsa guyyaa sadeesso'ootitti nu kaasa.
3Koottaa'a Rabbiin haa beennuu; shakkii malee isa duukaa haa buunuu; inni akka ifa bariisa'aatii fi akka badheessaatitti dhugamaan gara keenna dhufa.»
4Rabbi akkana jedhe, «Isin banii Israa'eliitii fi banii Yihuuda'aa! ani maaluma isin godha? jaalalti isin naaf qabdan akka fixeensa ganamaa dafee bada.
5Ani karaa raattota tiyyaatiin akka isaan balleessu, dubbii kiyyaanillee akka isaan ajjeesu isaan seere; kanaafuu murtiin kiyya akka ifa ganamaa ifa.
6Ani ciincaa caalaa jaalala hin jijjiiramne jaaladha; ciincaa ciincayu caalaa ana Rabbiin beekuu keessan filadha.Mat. 9:13; 12:7
7Isaan hennaa gara biyya ufii galan waadaa hulee ‹Adaam› jedhamutti na woliin galan hin diigan, isaan akka naaf amanamtoota hin taane mudhisan.
8Gala'aad qachaa namoonni hammeeyyiinii fi worri dhiiga namaa jissa'aa nama ajjeesan keessa guuteeru taateerti!
9Akkuma saamtonni nama ajjeesu'uuf gaadan akkasuma godhan; isaan karaa gara Seekemii fiduutiin gaada'aa nama ajjeesa'aa yakka nama saalfachiisu raawwatan.
10Ani waan guddisee nama jibbisiisu banii Israa'elii biratti argeera; innillee baniin waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa seebaraan battaayaniiran.
11Isin banii Yihuuda'aa!
ani guyyaa isinittillee murteessu qopheeffadheera.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.