1Achiin maayessa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, Dubbii gammachu'uu waan jeennata Rabbii hima'aa, gandootaa fi qachaa keessa lufa'aa ture.
2jedhee deebise.
31Jinniiwwan sunniin akka inni gara qile'ee isaan hin ergine Yesuusiin kadhatan.
32Hulee san gobbuun booyye'ee guddaan ededa gaaraa irra dheeda'aa turan. Jinniiwwan sunniin akka inni booyyota sanitti galaa isaaniin jedhu kadhataniin. Innillee maarre itti galaa'a jedhe.
33Jinniiwwan sunniin namicha keessaa bayanii gobbuu booyye'eetitti galan. Gobbuunillee afaan qile'ee irraa gugatanii galaanatti badan.
34Worri booyyee tissu waan ta'e haga argan, dheessanii qacha'aa fi baadiyyaa keessatti odeessan.
35Namoonni bayanii waan ta'e san laalu'uuf hennaa gara Yesuusii dhufan namichi jinniin keessaa baye sun qalbiin deebiteefii uffata uffatee luka Yesuusii bira ka taa'eeru arganii isa sodaatan.
36Worri achitti isa argellee, attamitti akka namichi jinnii irraa fayye isaanitti himan.
37Baniin naannoo biyya Gergesenoon jiru maruu waan guddisanii sodaataniif, akka Yesuus isaan biraa lixu isa kadhatan. Inni yabala keessa seenee achii deeme.
38Namichi jinniin keessaa baye sun Yesuusiin, «Si woliin jiraadha» jedhee isa kadhate.
39Mat. 12:16; Mar. 7:36 Yesuus ammo, «Gara mana keetii deebi'ii waan Rabbi sii godhe himi» jedhee isa erge.
Namichi waan guddaa Yesuus isaaf godhe hima'aa qachaa keessa deeme.
Intala Iyyaa'iroosiitii Fi Dubartii Uffata Yesuusii Tuxxe(Mat. 9:18-26; Mar. 5:21-43)40Baniin maruu waan isa eega'aaraniif hennaa Yesuus deebi'e gammachu'uun isa simatan.
41Achiin maayessa bulchaan Iyyaa'iroos jedhamu tokko dhufe. Inni bulchaa ajajaa mana sagada Yihuudotaa ture.
42Inni wonti dhufeef intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudha lamaa guddiftee dhibamtee waan du'uu geetteef, dhufee luka Yesuusii jalatti kufee, akka inni mana isaa dhaqu kadhateen.
Uduu inni dhaqu'uuf karaa irra jiru, gumiin gara maraan isa hucuuca'aa turan.
43Dubartii woggaa kudha lamaaf dhiinni isi'ii jigu takkatu ture. Waan qabdu maraa worra qorsa isi'ii kennutti fixattee ta eennullee isii fayyisuu hin dandeenne takkatu achi ture.
44Isiin isa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuxxe. Yoma san dhiinni isii keessaa jiga'aa ture sun cite.
45Yesuus, «Eentu na tuqee?» jedhee gaafate. Isaan «nu'uu miti» jedhanii waakkatan. Pheexroos, «Barsiisaa kiyya! gumiin maruu si hucuuceera; si dhiiba'aaralle'e» jedhe.
465:17; 6:19 Yesuus ammo, «Akka hunni fayyisu na keessaa baye waan beekuuf, namni tokko na tuqeera» isaaniin jedhe.
47Dubartiin sun akka dhokattee hafa'aa hin jirre argitee, hollata'aa dhuftee isa afo'otti gad kufte. Achiin maayessa maaf akka isa tuxxee fi yoma san attamitti akka fayyite gumii afo'otti itti himte.
487:50 Inni, «Mucattii tiyya! amantiin kee si fayyiseeraa nagayaan deemi» jedheen.
49Uduma inni dubbata'aaru namni tokko bulchaa mana sagada Yihuudotaatitti dhufee, «Mucattiin tee duuteerti; kanaafuu barsiisaa hin dadhabsiisin» jedhe.
50Yesuus ammo dhagayee Iyyaa'iroosiin, «amani malee hin sodaatin hin fayyitii jedhee deebiseef.
519:28 Hennaa gara manaa seenu Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis abbaa mucatti'iitii fi haadha mucatti'ii malee, eennullee akka isa woliin hin seenne dhoogge.
527:13 Namoonni maruu bade bade jedha'aa booya'aa turan. Inni ammo, «Hin rafteerti malee hin duunee hin booyinaa'a!» isaaniin jedhe.
53Akka duute beekanii guddisanii itti kolfan.
547:14 Inni ammo harka isi'ii qabee, «Mucattii ka'i» jedhee guddisee dubbate.
55Lubbuun itti deebitee daddaftee yoosuu dhaabatte. Inni ammo «waan nyaattu kenna'aafii» jedhee isaan ajaje.
565:14; Mar. 7:36 Worri isi'iillee hin maalalan. Inni ammo waan ta'e kana eennuttillee akka hin himne isaan ajaje.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.