1Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2«Ati ilma namaa! ati Googii banii biyya Meesheekiitii fi biyya Tuubaalii ka biyya Maagoogii keessa jiru bulchu morma'aa raaga dubbadhu.Mudh. Yoh. 20:8
3Ani Rabbiin maraa olii akka isa mormu itti himi.
4Ani kokkee isaatitti haada dhayadhee isaa fi duultota isaallee harkisa'aa gara hulee dhufanii uf irra isaan deebisa; duultonni isaa worra faradoo yaabbatanii meeshaa lolaa uffatan caalan; loltoonni maruu wontee gugurda'aa fi didiqqaallee qabatanii guraadeellee hidhataniiran.
5Worri biyya Faarisii, worri biyya Itoophiya'aatii fi namoonni Liibiya'aa dhufan maruu wontee qabatanii meeshaa woraanaa ka mata'aatti godhatan godhatanii isaan wolii galanii isa woliin hiriiran.
6Goomeer loltoota ufii woliin, duultonni Beetitoogaari'aa ka biyya fagoo gara kaabaallee isa woliin jiran; akkasuma namoonni hedduu ka biyya gara garaatii dhufaniillee isa woliin hiriiraniiran.
7Kanaafuu akka qophaayu itti himi; akka inni loltoota ufii uf jalatti qopheeffatu itti beessisi.
8Wonti inni qophaayuu isa barbaachisuuf akka inni biyya Israa'elii ta dur irraa barbadoofte akka qabatu waan isa ajajuuf; biyyi tun dur irraa jalqabdee ona taatee turte; baaniin isi'ii biyyoota duraan jiraata'aa turan keessaa deebi'aniiran; amma baniin Israa'elii gaarran biyya ufii jiran irra nagayaan jiraatan.
9Inninii fi duultonni isaa, akkasuma baniin hedduu ka isa woliin jiran akka dambalii galaanaatitti dhufan; akka duumessaatitti lafa irra gara galan» jedhee natti dubbate.
10Wonti Rabbiin maraa olii jedhu kana; «Yoo barri sun gaye waan badaa yaaddee waan hamaa karoorfatta.
11Ati akkana jetta ani gara gandiin dallawa hin qabnee baya; worra dallawaa fi balbala loosaa hin qabne keessa nagayaanii jiraatan irratti balaa buusa.
12Namoonni banii gara garaa keessaa deebi'an handhuura lafaa irra jiraatan; isaan hori'ii fi meeshaa qaban lafti duraan ona taate amma ta namni irra jiraatu taate yaanni kiyya waan isaanii booji'u'uuf i fudhachuu, akkasuma isaan irratti balaa buusu'u.
13Saabaanii fi Deedaan, akkasuma daldaltoonni biyya Tarseesiitii fi loltoonni isaanii ‹Ati Saamu'uuf dhuftee? ati worra meeti'ii fi worqii hori'ii fi meeshaa jechuun namoota waan ati saamte qabatanii sii deemaniin heddu wolitti qabdee?› siin jedhan.
14Kanaafuu ati ilma namaa! Googitti akkana jedhii raaga dubbadhu, «Rabbiin maraa olii guyyaa san hennaa Israa'el baniin kiyya nagayaan jiraatan ati ufumaa uf kakkaafta.
15Hulee fagoo gara kaabaa ka ufii jiraattu keessaa loltoota jajjabaa farda yaabbatanii lolan banii keessaa filattee dhufta.
16Ati banii kiyya Israa'elitti akka duumessa lafa dhossuutitti itti dhufta; ati Googi, bara dhumaa akka gara lafa tiyyaa dhuftu si taasisa; wonti ani waan kana godhuuf hennaa karaa keetiin woyyummaa kiyya mudhisu akka baniin maruu na beekaniif jedhii raaga dubbadhu» naan jedhe.
17Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ati gara banii kiyya Israa'elii dhaxxu raattonni tiyya ta durii ta na tajaajilan bara durii deddeebi'a'aa raaga dubbataniiran» jedha.
Adabbii Rabbi Googitti Fidu18Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa Googi biyya Israa'elii qabatu ani guddisee aara;
19Hennaa san akka biyya Israa'eliititti lafti sochootu hinaaffa'aa fi aarii kiyya gudda'aan labsa.
20Qurxummiinii fi simbirti maruu, bineensinii fi busaayaan lafa irra jiraatu maruu namnillee na sodaata'aa hollata; gaarran hin jigan; edennillee gubba'aa gad fofottoqa; dalloofni dhaga'aan ijaarame maruu hin diiggama.
21Gaarran kiyya maraa irratti akka Googiin irratti guraadee luqqifatan godha; namni maruu guraadee ufiitiin hiriyyaa ufii ajjeesa.
22Ani akka inni beelaa fi du'aan adabamu taasisa; ani isaa fi duultota isaa, namoota isa woliin jiran irrattillee rooba dirsaa, rooba baradaa gudda'aatii fi ibidda holataa isaanitti roobsa.
23Akkaataa kanaan ani guddinnaa fi woyyummaa kiyya mudhisa; achiin maayessa isaan akka ani Rabbiin ta'e beekan.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.