Kitaaba Faaru'uu 65 - Kitaaba Woyyuu

Galataa Fi Ulfinna Rabbii Dhiyeessuu'uFaaruu Daawitii ka galataa ka bulchaa faarfattootaatii dhiyaate.

1Yaa Rabbi! Tsiyoonitti jajamu'utu siif ta'a;

waan sii woreenne sii raawwanna.

2Ati ka faatee dhageettu;

ilmaan namaa maruu gara kee dhufan.

3Hennaa cubbuun nu irra gara gale;

ati yakka keenna nuu dhiifte.

4Ka ati filatte; ka gara kee dhiyeessite;

ka hulee kee ka itti gad bayan isa jiraachifte;

eebbifama'a!

mana kee woyyuu woyyoome keessaa;

eebba mana keetiitiinillee dheebuu baana.

5Yaa Rabbi! fayyisaa keenna;

balchumma'aan hujii maalale'ee nuu deebisi;

ati daangaa lafaa maraafuu;

galaana fagoo jiruufillee abdi'i.

6Jabeenna keetiin gaarran hundeessite;

hunnallee hidhatteerta.

7Ati huursaa galaannanii;

woca dambaliiwwanii;

raafamuu bani'iillee hin cadhisiifta.

8Worri fagaatanii daangaa lafaa jiraatan;

sababaa hujii kee ka maalale'eetiif nayan;

dhufa bariisa'aatii fi ka galgalaallee

akka gammadan isaan goota.

9Lafa hin tooyatta; hin obaafta;

guddiftee duroomsitaan;

akka namootaa midhaan kennaniif;

laggiiwwan Rabbii bisaaniin guuttamaniiran;

ati waan akka akkana ta'u murteessiteef.

10Lalisa isi'ii bisaaniin jiifta;

boyii isi'ii hin sirreessita;

tiifu'uun laaffifta;

biqila isi'iillee hin eebbifta.

11Baratti mishummaa kee uwwifta;

konkolaataan fardaa keellee

eebbatu guutee irra cambalaqa.

12Margi lafa gammoojji'ii guddisee lalise;

Tulloonnillee gammachuu uffatan.

13Raasaan gobbu'uun guuttame;

dhoondhi maruu midhaaniin uwwifame;

hin ililfatan; hin faarfatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help