Kitaaba Faaru'uu 116 - Kitaaba Woyyuu

Galata Namni Du'a Oole Rabbii Dhiyeesse

1Laagaa kadhaa kiyyaa waan dhagayeef;

Rabbiin jaaladhe.

2Inni gurra ufii gara kiyya waan qabeef;

bara jiruu kiyyaa maraa

Isa waamadha.

3Siiboon du'aa na qabe;

muddamsuun ibidda asaabaa na qabate;

hucuucamaa fi gaddi na mooyate.

4Ani maqaa Rabbii waame;

«Yaa Rabbi; akka lubbuu tiyya oolchitu

si kadhadha» jedhe.

5Rabbi arja'aa fi balcha'a;

Waandhi keenna ka namaa dhiisu.

6Rabbi gara laafeyyii hin eega;

hennaa guddisee rakkadheeru na oolche.

7Lubbuu tiyya hara baafadhu;

Rabbi waan mishaa waan sii godheeruuf.

8Ati lubbuu tiyya du'a jalaa;

ija tiyya imimmaan irraa;

luka kiyya gufachuu jalaa oolchiteerta.

9Anillee ardii jiraattotaa irratti;

Rabbiin afoo jiraadha.

10Hennaa «Guddisee rakkadhe» jedheyyuu

amantii kiyya eegeera.

11Ani hennaa malli na harkaa bade;

«Namni maruu soba'a» jedhe.

12Waan inni jasaa naa oole maraafuu

Rabbii maal deebisa?

13Mijuu fayyinnaa ol kaasa;

maqaa Rabbiillee hin waama.

14Banii maraa afo'otti,

woreega kiyya Rabbii dhiyeessa.

15Duuti woyyootaa

Rabbiin biratti kabajjamtu'u.

16Yaa Rabbi! ani dhugamaan garbicha keeti;

ani garbichi kee ilma garbittii teetiiti;

hidha'aa na hiitte.

17Ani ciincaa galataa sii dhiyeessa;

maqaa Rabbiillee hin waama.

18Banii maraa afo'otti;

woreega kiyya Rabbii dhiyeessa.

19Yerusaalem! kana si jiddu'utti;

bayima mana woyyuu Rabbii afo'otti raawwadha.

Halee luyaa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help