1Ijji namootaatii fi ka gosa Israa'elii maruu gara Rabbii laalti; kanaafuu Rabbi qachoota Hadiraakiitii fi qachoota Damaasqo'ootitti hin murteessa.
10Rabbi akkana jedha,
«Ani gaarii fardaa Israa'eliin keessaa,
faradoo lolaa Yerusaalemiin keessaa hin balleessa;
buundhee lolaa hin caccabsa;
mootichi kee akka banii keessa
nageenni jiraatu godha;
bulchiinsi isaa galaanaa haga galaanaatii fi
laga gudda'aa jalqabee
haga qaccee lafaa ta'a.Baniin Rabbii Hulee Itti Booji'amanii Fudhatamanii Hin Deebi'an
11Ani waan ciincaa dhiigaatiin si woliin waadaa galeef
boolla bisaan hin jirre keessaa worra kee ka hidhaman bilisa baasa.
12Isin worri booji'amtan ka abdii qabdan!
ani adha waan qara qabdan caalaa waan abdii isinii kennuuf
hulee keessanitti deebi'aa'a.
13Yihuudaa akka buundhe'eetitti
Israa'eliin ammo akka ebo'ootitti itti fayyadama;
Ani ijoollee biyya Giriikii woraanu'uuf
ijoollee Tsiyyoonii ta dhiiraa akka guraade'ee godhee isaan erga» jedhe.
14Rabbi banii caalaa mudhata;
buundheewwan isaa akka bakakka'aatitti darbaman;
Rabbi Waandhi laagaa xurumba'aa dhageessisa;
akka haboonbolattii kibbaa dhufuutitti lufa.
15Rabbi Gooftaan banii maraa banii irraa ittisa;
isaanillee diintota ufii hin fixan; furaanfurrisa diinni dhaga'aan darbatullee irra deeman;
akka nama daadhii woyini'ii dhugee machaayeetitti wocan;
dhiinni diintota isaanii akka dhiiga ciinca'aaf dhiyaatuu ka gabatee guutee
irra jiguutitti jiga.
16Yoo guyyaan sun gaye akkuma tisseen hoolota balaa jalaa hambisu
akkasuma Rabbi Waandhi isaanii banii ufii hin oolcha;
akkuma meeshaan faayaa ka gulloo irra jiru ifuu,
akkasuma isaanillee ardii Rabbii irratti hin ifan.
17Mishummaanii fi bareeddinni ardi'ii akkam ka nama maalalchiisu ta'a!
midhaanii fi daadhiin woyini'ii
ka isii keessatti argamu ka'imman dhiiraatii fi intalaa hin qananiisa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.