1Rabbi akkana naan jedhe,
2Ati ilma namaa! waan Xiroosiitiif faaruu gaddaa baasi;
3Amma qachaa Xiroosii ta daangaa seensa galaanaa jirtu, ta daldaltoonni qachaa gara garaatii dhufanii itti wol gayaniin Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isi'itti himi;
‹Xiroos! ati sirimaa ani bareeddu'u ufiin jetteerta.
4Huleen jiraattu galaana keessa;
worri si ijaare akka markaba bareeduutitti si ijaaran.
5Cufanaan kee hindheessa gaara Heermoonii irratti argamuun hojjatame;
utubaawwan kee muka Libaanosiitiin hojjatame.
6Kabalaan kee ka bisaaniin dhayatan
qilxuu Baasaaniin keessaa argameen hojjatame;
manni kee keessi muka hindheessaa
ka biyya Qophiroosiitii argameen hojjatame
naannaya isaa ilkaan arbaa itti maxxansan.
7Daasee markaba keetii akka yoo laalan fago'oo mudhatu
uffata biyya Misirii ka faaya adda addaatiin hojjatameen
midhaaffame;
golgi kee carqii diimaa dhiilge'ee fi bulee guddisee bareedu
ka lafa bisaaniin marfamte
ka biyya Qophiroosiitii
argameen hojjatame.
8Worri akka kabala'aatitti siin dhayatan
worra qachaa Arwaadiitii fi
qachaa Siidoonaa keessaa dhufan;
Xiroos! ogeeyyiin kee
bulchoota markaba keetiiti.
9Worri waan si jalaa diiggame ijaaru
ogeeyyiin biyya Geebaariititti leenji'an si keessa jiran;
worri markaba oofan markaba keetiin dhufa'aa daangaa keetitti
si irraa waa bita'aa gurguratan.›
10«Loltoonni biyya Faaresii, Liidiya'aatii fi biyya Liibiya'aatii dhufan loltootuma kee woliin si tajaajilan; wonte'ee fi meeshaa lolaa ka mata'atti godhatan qe'ee kee ka lolaatitti fannisaniiran; isaan namoota akka ati ulfinna argattu godhan.
11Loltoonni biyya Arwaadiitii dhufan worra dallawa dhaga'aa kee eegan; namoonni biyya Gaamaadiitii dhufan kusheewwan kee eegan; isaan wontee ufii dallawa dhaga'aa kee irratti fannisan; worri akka ati bareeddu godhan isaan.
12«Ati waan guddiftee duroomteef daldaltoota worra Tersesii woliin mi'a kee wol jijjiira'aa isii irraa meetii, sibiila, qorqoorro'oo fi cilee dhaga'aa argata'aa turte.
13Ati worra Giriikii, worra Tuubaaliitii fi worra meeshaa kee ka sibiila diimaa irraa hojjatame fuutee bikka meeshaa sanniinii mi'a kee isaanii kenna'aa turte.
14Beetitoogaari'ii faradoo woraanaatii fi gaangiin kee fuutee mi'a kee isaanii kenna'aa turte.
15Ati namoota biyya Roodii woliin daldala'aa turte; baniin biyya galaanaa ladda jiran meeshaa kee si irraa fudhatanii bikka san ilkaan Arbaatii fi muka jabaa Zoophii jedhamu sii fida'aa turan.
16Baniin biyya Sooriya'aa meeshaa kee ka daldalaatii fi meeshaa kee ka biraallee heddu si irraa bita'aa turan; bikka meeshaa si irraa fudhatanii Baluurii, uffata diimaa dhiilge'ee fi uffata faaya gara garaatiin midhaassan, jirbii qadhaa, faaya gara garaa ka Elellaaniin hojjatamee fi mi'a diimaa gatii gudda'aa sii kenna'aa turan.
17Daldaltoonni biyya Yihuuda'aatii fi biyya Israa'elii gatii meeshaa keetiitii fi qamadii, misingaa, damma, dhadhaa ejersaatii fi urgooftuu gara garaa ka biyya Misirii sii kaffala'aa turan.
18Baniin biyya Damaasqo'oo waan meeshaa keetiitiifillee daadhii woyini'ii ka biyya Helboonii fuudhanii fi rifeensa hoola'aa ka biyya Saahooriitii fuudhan sii kenna'aa turan.
19Worri Daana'aatii fi Giriikii ka biyya Uuzaalii keessa jiraatan worri Amooniillee meeshaa kee si irraa bitu'uuf siin wolii galan; isaan waan meeshaa keetiin jijjiiratan sibiila bassanii hojjatan urgooftuu gara garaatii fi hixichoo sii fida'aa turan.
20Baniin biyya Daadaanii waan meeshaa keetiin jijjiiratan gilaasii fardaa sii fidan.
21Baniin biyya Arabaatii fi bulchoonni biyya Qeedaarii waan meeshaa keetiin jijjiiratan ilmoolee re'iinii, hoolotaa fi re'iin sii fida'aa turan.
22Daldaltoonni biyya Saaba'aatii fi ka biyya Raama'aa waan meeshaa keetiin jijjiiratan dhagaa gatii gudda'aa, worqi'ii fi urgooftuu gara garaa mimmishaa sii fida'aa turan.
23Baniin biyya Kaaraanii, Kaaneehiitii fi worri qachoota Eedaanii keessa jiraatan, daldaltoonni biyya Saaba'aa, worri qachaa Ashuuriitii fi qachaa Kilmaadii keessa jiraatan maruu si woliin daldala'aa turan.
24Isaan uffata babbareedaa, carqii diimaa dhiilge'ee fi uffata harkaan midhaassan, waan babbareedaa lafatti afatan, haada sirri'itti dhayanii fi sibaagoo sirri'itti dhaddoo dhayanii sitti gurgura'aa turan.
25Markaboonni worra Tarseesii meeshaa kee sii fe'a'aa si gargaaran.
«Ati galaana biratti meeshaa gara garaa heddu qabda.
26Worri bisaan dhayatu galaana xiillaa jidduu si fidan;
bubbeen baya biiftu'uu jabaan si rakkisee galaana keessatti si caccabse.
27Qabeenni kee ka meeshaa daldalaatiin argatte,
worri markaba kee oofan,
daldaltoonni teetii fi
worri markaba kee midhaassan
loltoonni markaba kee keessa jiran maruu
hennaa markaboonni kee caccaban isaan maruu
galaana xiillaa keessatti liqimfaman.
28Iyyansi isaan hennaa markaboonni isaanii liqimfaman dhageessisan
banii galaana bira jiru hollachiise.
29Hennaa san worri markaboota biraa oofan,
worri worra markabaa biraa oofan ajajan maruu
yaa'anii qarqara galaanaa dhaabatan.
30Isaan maruu biyyee ufitti firfirsanii
daaraa irratti gangalata'aa
laagaa ufii ol qabatanii mararamanii sii booyan.
31Guddisanii sii gaddanii mataa ufii haadatanii uffata gaddaa uffatan;
guddisanii onnee ufiitiin gaddanii mararamanii sii booyan.
32Gadda keessa maqaa kee waama'aa sii booyan;
waan keetiif akkana jedha'aa faarfata'aa booyan;
ta akka Xiroosii galaana keessatti baddee hafte
eennu?
33Meeshaan kee biyya gara garaa keessa yoo faca'u
fedha biyya sanniinii maraa guuta'aa ture;
meesha'aa fi qabeenna kee ka si irraa hafeen
mootota biyya lafaa maraa duroomsiteerta.
34Amma garuu ati galaana xiillaa keessatti caccabdee hafteerta;
meeshaan keetii fi namoonni sii hojjatan maruu
sima woliin badan.
35«Worri daangaa galaanaa jiran maruu sababaa wonti hamaan si irra gayeef guddisanii nayaniiran; mootonni isaaniillee uduu hin hafne raafamaniiran; fuula nama maraa irraa soda'atu mudhata.
36Daldaltoonni banii maraa sitti baldan; dhumti kee guddisee nama naasisa; ati baraa haga bara baraa hin mudhattu.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.