Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 1 - Kitaaba Woyyuu

Hilqaana'aa Fi Maatiin Isaa Seeloo Keessatti

1Biyya gaaraa ka Efreemii keessa nama gosa Efreemii ka Hilqaanaa jedhamu ka qachaa Raamaataayim-Siifiim keessa jiraatu tokkotu ture; inni ilma Iyyaaremi'eeliiti; Iyyaaremi'eel ilma Eeliyo'ooti; Eeliyoon ilma Toohu'uutiiti; Toohu ilma Naasibiiti.

2Hilqaanaan haawwota manaa lama qaba; ta duraa maqaan isi'ii Haanna'a; ta lammeesso'oo Finaana'a; Finaanaan ijoollee qabdi; Haannaan garuu dhabdu'u, finna hin qabdu;

3Hilqaanaan wogga wogga'aan Rabbii Gooftaa banii maraatii sagadu'uu fi ciincaa dhiyeessu'uuf gara Seelo'oo baya; bara san ilmaan Eeli'ii Afiniinii fi Finihaas gadoota ta'anii Seeloo keessatti Rabbiin tajaajila'aa turan.

4Hilqaanaan hennaa ciincaa dhiyeessu maraa foon ciinca'aa san irraa gayaa Finaana'aa, ilmaanii fi dubara isi'ii maraaf dhiyaatu kenna'aafii ture.

5Hilqaanaan waan Haannaa jaalatuuf gayaa isi'ii dachaa lama kenna'aafii ture; garuu Rabbi gadaamessa isi'ii cufee ture;

6Waan Rabbi gadaamessa isi'ii cufee tureef masaanuun isi'ii isii biibbeessa'aa aarsa'aanii turte.

7Hennaa isiin wogga wogga'aan gara mana woyyuu Rabbii dhaxxu maraa masaanuun isi'ii Finaanaan isii aarsa'aa isii boochisa'aa waan turteef womaa afaaniin hin qabdu turte.

8Sababaa kanaaf abbaan worra isi'ii Hilqaanaan, «Haannaa tiyya! maaf bootta? maaf waa hin nyaanne? maaf gaddita? ani ijoollee kudhanii sii hin caaluu?» isiin jedhe.

Kadhaa Haannaan Rabbiin kadhatte

9Gaaf tokko Seelo'otti ciincaa dhiyeessanii haga nyaatanii dhuganiin maayessa Haannaan kaatee dhaabatte; hennaa san gadichi Eeliin balbala mana woyyuu Rabbii bira barcumaa irra taa'eera.

10Isiin sababaa gadda onnee isi'iitiin mararamtee booya'aa Rabbiin kadhata'aa turte.

11Haannaan, «Yaa Rabbi Gooftaa banii maraa! rakkinna garbittii teetii yoo yaadatte, yoo na hin irraanfanne, yoo ati ilma dhiiraa tokko naa kennite ani ammo bara jireenna isaa maraa mullaaciin mataa isaa irra hin geettu dabarsee sii kenna» jettee woreega qabde.

12Akka kanaan Haannaan hennaa Rabbiin afo'otti kadhaa dheeressite Eeliin afaan isi'ii laala'aa ture;

13Haannaan waan garaa ufii keessatti kadhattuuf uduu laagaa ufii hin dhageessifne hidhii ufii callaa sochoofti; Eeliin garuu waan waa dhuddee machoofte seeye.

14Eeliin, «Machiin kee kun haga yoomiiti? Machii kana dhiisi!» isi'iin jedhe.

15Isiin garuu, «Gooftaa kiyya ani nama gadda guddaa keessa jiru daadhii woyini'ii yookaan waan biraa ka nama macheessu hin dhunne; garuu rakkoo kiyya Rabbitti himata'aara.

16Sababa gaddinii fi rakkinni natti guddateef haga ammaa kadhata'aaraa ati ana garbittii tee akka dubartii raanke'eetitti na hin laakkayin» jettee isaa deebifte.

17Eeliinillee, «Nagayaan deemi! Waandhi Israa'elii waan ati kadhatte sii haa kennu!» isi'iin jedhe.

18Isiin «Ana garbittii tee kadha'aan na yaadadhu!» jettee karaa ufii deemte, nyaattee dhuddee gadduullee dhiifte.

Saamu'eelii Dhalate Rabbiif kennan

19Ganamaan ka'anii Rabbii haga sagadaniin maayessa gara mana ufii Raama'atti deebi'anii galan; Hilqaanaan haadha manaa ufii Haannaa bira geennaan Rabbi isii yaadate,

20Yoma san ulfooftee ilma deette «Ani Rabbiin kadhadhee argadhe» jettee maqaa isaa «Saamu'eeliin» itti baafte.

21Hilqaanaan maatii ufii woliin ciinca'aa fi woreega wogga'aa dhiyeessu'uuf gara Seelo'oo ol baye.

22Haannaan garuu hin baane isiin abbaa worraa ufiitiin, «Ani yoo daa'imni harma gu'e fidee Rabbii kenna bara jireenna isaa maraa inni achuma tura» jetteen.

23Abbaan worraa isi'ii Hilqaanaanillee «Waan feete godhi, haga daa'ima harma guuftutti manuma taa'i Rabbi waan dubbate haa raawwatuu» isi'iin jedhe; isiin haga daa'imni harma gu'utti harma hoosisa'aa manuma ufii teette.

24Haga harma guufteen maayessa isa qabattee jibicha woggaa sadihii, daakuu iifii kudhanii, daadhii woyini'ii qalqala tokko guutuu woliin gara mana Rabbii Seeloo fidde; hennaa san daa'imni diqqa'a.

25Jibicha haga goorra'aniin maayessa daa'ima gara Eeli'ii fidan.

26Haannaan Eeli'iin «Gooftaa kiyya; umuriin kee haa dheeratu dubartiin si bira dhaabattee Rabbiin kadhata'aa turte ana;

27kadhaan ani Rabbiin kadhadhe akka inni mucaa kana naa kennuuf; Rabbillee akkuma ani isa kadhadhetti mucaa kana naa kenne.

28Anillee kunoo Rabbii kenne, bara inni lubbu'uun jiru maraa inni ka Rabbiiti» jette.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help