1Yaa Waaqa! mootii kiyya!
si galatoonfadha;
maqaa kee baraa haga bara baraa galatoonfadha.
2Guyya guyya'aan si galatoonfadha;
baraa haga bara baraa maqaa kee hin galatoonfadha.
3Rabbi gudda'a;
galata gudda'atu isaa ta'a;
guddinni isaa waan namni hubatuu oli.
4Dhaloonni tokko hujii kee dhaloota itti aanutti ibsa;
hujii hunna keetiillee hin labsa.
5Baniin waan guddinnaa fi ulfinna gaachena keetii dubbatan;
anillee waan hujii kee ka maalale'ee dhudhuma.
6Baniin waan hujii kee gugurdaa maalale'ee dubbatan;
anillee guddinna kee labsa.
7Waan guddinna balchummaa keetii hin dubbatan;
waan hunna qajeellummaa keetii laagaa gudda'aan faarfatan.
8Rabbi gara laafessaa fi arja'a;
dafee hin dheekkamu; jaalalli isaa gudda'a.
9Rabbi worra obsaniif arja'a;
jaalalli isaa hujima isaa maraa irratti.
10Yaa Rabbi! hujiin harka keetii maruu si galatoonfata;
baniin kee maruu si ulfeeffatan.
11Hunna ulfinna mootummaa keetii himan;
hunna keellee hin dubbatan.
12Hunna tee ilmaan namaatitti
ulfinna mootummaa keetii beessisu'uuf.
13Mootummaan tee mootummaa bara baraati;
bulchiinsi kee ilmaan ilmaaniititti lufa.
Rabbi dubbii ufiitiin amanama'a;
hujii ufii maraanuu arja'a;
14Rabbi worra daddaaqan hin irkisa; worra kufanillee hin kaasa.
15Namni maruu sima abdata;
atillee hennaa maraa nyaata isaanii kennita.
16Ati harka kee badhiftee
uumama maraa waan mishaa isaan quubsita.
17Rabbi karaa ufii marattuu balcha'a;
hujii ufii marattuu arja'a.
18Rabbi worra isa waamatu
worra dhuga'aan isa waamatu maraafuu dhiyoo jira.
19Worra isa sodaatan fedhii isaanii hin guutaaf
kadhaa isaanii hin dhagaya; isaan hambisalle'e.
20Rabbi worra isa jaalatan maraa hin eega;
hammeeyyii ammo hin balleessa.
21Ani hennaa maraa Rabbiin galatoonfadha;
wonti inni uume maruu
baraa haga bara baraa maqaa isaa woyyicha haa galatoonfatanii.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.