Kitaaba Iyyaasu'uu 7 - Kitaaba Woyyuu

Yakka Akaan Raawwate

1Ijoolleen Israa'elii waan hirmii ta'een Rabbiin yakkan; Akaaniin gosa Yihuuda'aa ilmi Karmi'ii, ilmi Zambariitii fi ilmi Zaara'aa waan battii ta'e fudhannaan Rabbi guddisee ijoollee Israa'eliititti aare.

2Iyyaasuun «Gaayii» Beeteeliin irraa gara baya biiftu'uu jirtuu ta Beeti'aweeniitiin laddaa namoota Iyyaariko'oo ergee; baya'aatii lafattii san gaadaa'a jedhee isaanitti dubbate; namoonnillee bayanii Gaayiin gaadanii,

3gara Iyyaasu'uu deebi'anii «Namoonni kumni lamaa yookaan kumni sadihii bayee Gaayitti haa duuluu malee baniin maruu akka hin duulle; sababaanillee «Isaan banii hagoo waan ta'aniif baniin maruu bayee akka hin dadhabne» jedhaniin.

4Kanaafuu namoonni haga kuma sadihii gayan ka duula dhaqan garuu worra Gaayii jalaa dheessan;

5namoonni Gaayii isaan keessaa namoota haga soddomii jahaa dhayan; hulee san irraa haga Shebaariimii gooddaa gad ari'anii isaaniin lolan; worri Israa'eliillee naasu'uun onneen isaanii baxxee akka bisaanii taate.

6Iyyaasuun guddisee nayee uffata ufii bibbiinxe; inninii fi jaarsonni Israa'elii saanduuqa waada'aa ka Rabbii afo'otti daaraa ufitti firfirsanii kufanii haga galgalaa turan.

7Iyyaasuun, «Yabo'oo! Rabbi Gooftaa kiyya! maaf laga Yoordaanosii nu ceesifte? akka worri Amoorotaa nu balleessaniif maaf dabarsitee jaratti nu kennite? Silaa uduu laga Yoordaanosii gamatti hafnee nuu woyya.

8Waaqa kiyya, yoo baniin Israa'elii diina ufii jalaa dheesse ani maal jedha?

9Worri Kana'aaniitii fi worri biyya san keessa jiraatan maruu dhagayanii nu marsanii maqaa keenna lafa irraa balleessan; ulfinna maqaa kee guddaa kanaatiif wonti ati gootu maali'i?» jedhee kadhate.

10Rabbi Iyyaasu'uun «Maaf kallacha keetiin gad kufte? ol jedhi!

11Worri Israa'elii yakkaniiran; waadaa akka isaan eeganiif ani isaanii kennellee diiganiiran; waan battii ta'e fudhatanii, hatanii sobanii meeshaa ufii keessatti dhossan.

12Kanaaf ijoolleen Israa'elii diina ufii jala dhaabachuu hin danda'an; isaan worra abaaraman waan ta'aniif diina ufii jalaa dheessan; waan battii ta'e uf jiddu'uu yoo balleessuu baattan, asiin maayessa ani isin woliin hin ta'u.

13Ka'iitii banii kana woyyoomsi; akkana isaaniin jedhi ‹Israa'el wonti battiin isin wodhakkaa jira; haga isin waan battii ta'e jidduu keessanii balleessitanitti diina keessan jala dhaabachuu hin dandeettan› jedhee Rabbi Waandhi Israa'elii waan dubbateeruuf isin haga boruutitti woyyoomaa'a!› isaaniin jedhe.

14Kanaafuu boru akkuma gosa keessaniitiin dhiyaattan; worri Rabbi adda foowu akkuma gosa ufiitiin dhiyaatan; gofti Rabbi adda foowu akkuma maatii ufiitiin dhiyaata; maatiin Rabbi adda foowu worruma ufii woliin dhiyaata.

15Namni wonti battiin isa irratti argame, waadaa Rabbii diigee Israa'eliin keessatti waan yakka hojjateef, inninii fi wonti inni qabu maruu ibiddaan haa gubamanii»

16Iyyaasuun ganamaan ka'ee worra Israa'elii akkuma gosa isaaniitiin isaan fide; gosa Yihuuda'aa addatti.

17Gosa Zaara'aa addatti,

18Zambarillee worra ufii adda baasee dhiyeesse; ilmi Karmi'ii ka gosa Yihuuda'aa ilmi Zambarii, ilmi Zaara'aa Akaanillee hin fooyame.

19Iyyaasuun Akaaniin «Ilma kiyya Rabbii Waaqa Israa'eliitii ulfinna kenni, balleessaa keellee isatti himadhu; waan goote maraa na hin dhossinii natti himi» jedheen.

20Akaanillee deebisee Iyyaasu'uun «Ani dhugamaan Rabbii Waaqa Israa'elii yakkeera; wonti ani balleesse,

21Meeshaa argine keessaa kaabbaa Sanaa'orii ka bareedu, birrii saqilii dhibba lamaatii fi worqii saqilii shantamaa argee hawwee fudhadheera; daasee kiyya keessa lafatti awwaalameera; birriin waan awwaalame maraayyuu jala jirti» jedheen.

22Kanaan maayessa Iyyaasuun namoota erge; isaanillee gara daase'ee dhaqanii waan inni hatee dhosse daasee keessatti argan; birriin, meeshaa hirmi'ii ka awwaalame sanniin maraayyuu jalatti argame;

23waan daasee keessaa fuudhan maraa gara Iyyaasu'uutii fi gara ijoollee Israa'elii fidanii Rabbiin afoo kaayan.

24Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu ilma Zaara'aa Akaaniin birrii isaa, kaabbaa, worqii, ijoollee isaa ta dhiiraatii fi ta intalaa, sangoota, harriin, hoolota, waan daasee keessa jiru maraa fuudhanii gara dhooqa Aakoorii isaan fidan.

25Iyyaasuun Akaaniin «Maaf nu rakkifta? Rabbi adha si rakkisa» jedheen; achiin maayessa worri Israa'elii dhaga'aan tumanii isa ajjeessanii ibiddatti guban.

26Hulee isa itti guban irratti dhagaa guddaa haga adhaa mudhatu tuullaan Rabbillee lola irraa deebi'e; kanaaf maqaan hulee sanii haga adhaa dhooqa Aakoorii jedhamee waamama.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help