1Ka garaan kiyya jaalatu halkan guutuu siree kiyya irra ta'ee hawwe;
garuu barbaadee hin arganne.
2Ani amma ka'ee qachoota keessa naannaya'aa
ka garaan kiyya jaalate
karaa ijoo namni keessa deemuu fi raasaa keessa isa soqee
garuu hin argine.
3Worra qachaa naannaya'aa eegan argee
«Ka garaan kiyya jaalate argitanii?» jedhee isaan gaafadhe.
4Ani isaan bira diqqoo achi lufee
ka garaan kiyya jaalate san argadhe;
jabeessee qabadhe;
gara mana haadha tiyyaa geesse, gola ufii itti dhaladhetti galfadhe.
5Isin babbareeddan Yerusaalemii!
jaalalloo kiyya ka akka borofaatii fi gadamsa muka keessaa
haga inni ka'utti isa hin dammassinaa'a.
Faaruu sadeesso'oo
Fuudhaa Fi HeerumaHamoommota6Ta akka qumbii
waan gara garaatiin wolitti makamee tolfamee
ka daldalaan fiduu fakkaattu
ta biyya gammoojji'iitii dhuftu tun eennu?Idaayyittii
7Isiin konkolaataa fardaa ka Solomooniitiin
namoota gugurdaa Israa'eliitii fi
namoota Solomooniin eegan woliin kabajja'aan dhufa'aarti.
8Isaan maruu worra akka meeshaa lolaa itti qabatan leenji'anii fi
worra lola keessatti qormaataman;
namni maruu balaa halkan dhufu dhooggu'uuf
akkuma guraadee hidhatanitti bulan.
9Teessoon Solomoon konkolaataa fardaa keessatti irra taa'u
muka Libaanosii irraa hojjatame.
10Lutti teessuma isaa birri'iin dibame
ka inni itti irkatu ka worqi'iin bareechifame
teessuma isaallee uffata diimaa dhiilgee itti uwwisan
keessa isaa babbareeddan Yerusaalemiititu
midhaassee hojjateef.
11Isin babbareeddan Tsiyoonii!
mooticha Solomooniin laalu'uuf koottaa'a;
inni guyyaa cidha isaa gammadee
gulloo ulfinnaa ka haati isaa mataa isaatitti goote godhateera.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.