Kitaaba Faaru'uu 118 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Galataa Ka Waan Mooyichaatiif Dhiyaatu

1Rabbi waan arjaa ta'eef isa galatoonfadhaa'a;

jaalalli isaallee baraa haga bara baraa jabaattee jiraatti.

2Baniin Israa'elii,

«Jaalalli isaa baraa haga bara baraati» haa jedhanii.

3Manni Aaroonii,

«Jaalalli isaa baraa haga bara baraati» haa jedhuu.

4Worri Rabbiin sodaatan maruu

«Jaalalli isaa baraa haga bara baraati» haa jedhanii.

5Hennaa rakkadhe Rabbiin waamadhe;

Rabbillee naa deebise;

hucuucama keessaallee na baase.

6Rabbi na woliin jira; hin sodaadhu;

namni maal na godhuu danda'a?

7Rabbi na gargaaru'uuf na woliin jira;

kufaatii diintota kiyyaallee hin arga.

8Nama hedachu'uu mannaa,

Rabbiin abdachuu woyya.

9Bulchoota abdii godhachuu irra,

Rabbiin abdii godhachuu woyya.

10Baniin maruu na marsan;

ani ammo maqaa Rabbiitiin

isaan mooyadhe.

11Marsiitii kallattii maraanuu na marsan;

ammo maqaa Rabbiitiin

isaan mooyadhe.

12Akkuma tuuta kinniisaatitti na marsan;

ammo akkuma qoree gubatuutitti dhuman;

dhugama maqaa Rabbiitiin

isaan mooyadhe.

13Darbamee kufu'uuf tittime;

Rabbi ammo na gargaare.

14Rabbi jajjabeennaa fi faaruu kiyya;

fayyisaa naa ta'e.

15Daasee balchootaa keessaa

laagaa ililta'aatii fi ka wocaa;

ka akkana jedhutu dhagayama,

«Harki mirgaa ka Rabbii hujii jabaa hujeera.»

16Harki mirgaa ka Rabbii ol ka'e;

harki Rabbii ka mirgaa hujii jabaa hojjate.

17Lubbu'uun jiraadha hin du'u;

hujii Rabbii hin dubbadha.

18Rabbi jabeessee na adabeera;

du'atti ammo na hin kennine.

19Balballan balchumma'aa naa banaa'a;

achiin seenee Rabbiin galatoonfadhaa.

20Tun balbala Rabbiiti;

balchoonni achiin seenan.

21Dhageettee waan naa deebifteef;

fayyisaallee waan naa taateef si galatoonfadha.

22Dhagaan worri mana ijaaru tuffate,

dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'e.

23Kana Rabbitu godhe;

ija teennaafillee maalale'e.

24Guyyaan Rabbi uume tana;

isi'iin usheexxinee

haa gammannuu.

25Yaa Rabbi! yabo'oo nu oolchi!

yaa Rabbi! yabo'oo nu milkeessi.

26Ka maqaa Rabbiitiin dhufu eebbifama'a!

mana Rabbii keessaa isin eebbifne.

27Rabbi Waaqa;

ifa ufii nu irratti ibse.

yaanee haga hulee ciincaa ka gaaffanii dhandhutti;

dameewwan lalisaa qabannee;

woliin bobbaanee worra ayyaanteffatuun wolitti

haa eda'amnuu.

28Ati Waaqa kiyya; si galatoonfadha;

Ati Waaqa kiyya; si kabajja.

29Arjaa waan ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a;

jaalalli isaa baraa haga bara baraa

jabaatee jiraata.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help