Kitaaba Mammaakaa 8 - Kitaaba Woyyuu

Waamicha Ogumma'aa

1Ogummaan nama hin waamtuu?

hubannaan hoo sagalee ufii ol qabattee hin dhageessiftuu?

2Tulloota karaa bira jiranitti

hulee karaan itti wol gayu irra dhaabatti.

3Balballan gara qachatti'ii seensisan bira,

seensa balballanii irratti laagaa ol qabattee

akkana jettee iyyiti,

4«Namniin nana! isin waama'aaraa bee

ilmaan namaa maraafuu laagaa kiyya ol qabadheeraa,

5Isin worra bilchinna dhidhu'uu,

uf eeggachuu horii godhadhaa'a;

isii gowwoonni hubannaa bu'aa godhadhaa'a.

6Waan faayidaa qabu waan dubbadhu waan qabuuf na caqasaa'a;

waan qajeelaa dubbachu'uuf

afaan baqaffadha.

7Afaan kiyya dhugaa dubbata,

waan arrabni kiyya hammeenna balfuuf.

8Dubbiin afaan kiyyaa bayu maruu balcha'a;

tokkollee daba'aa fi faalla'aa miti.

9Worra gad fageessanii hubatanii maruu qajeela'a;

worra beekkumsa qabuuf

dogoggora uf keessaa hin qaban.

10Meetii caalaa gorsa kiyya;

worqii qulqulluu caalaa

beekkumsa kiyya filadhaa'a.

11«Ogummaan waan diimaa gatii gudda'aa caalaa

waan mi'aa taateef;

waan hawwitan maraa keessaa tokkollee

ka isi'itti qixxaayu hin jiru.

12Ani ogummaan hubannaa woliin jiraadha;

beekkumsinii fi qalbii qabaachuun horii kiyya.

13Rabbiin sodaachuun hammeenna jibbu'u;

anillee uf jaju'uu fi mata jabeenna,

amala hama'aa fi qaaqa micciiramaa hin jibba.

14Gorsinii fi murtiin sirri'ii kiyya;

hubannaa qaba, jabeenna qaba.

15Mootonni anaan mooyan;

bulchoonnillee seera sirrii ta'e tumatan.

16Abboonni murti'ii anaan bulchan;

qondaaltonni biyya lafaa bulchan maruu

anaan bulchan.

17Worra na jaalatan hin jaaladha;

worri jabaatanii na soqan na argatan.

18Qabeenninii fi ulfinni

qananiin wol irraa hin cinnee fi

milkaayinni na bira jiran.

19Daraaraan kiyya worqii qulqulluu caala;

kennaan kiyya worqii qulqullaaye.

20Ani karaa balchumma'aatiin deema;

daandii haqaa irrallee hin imala.

21Worra na jaalatanii qananii kenna;

mana kuusaa meeshaa isaaniillee hin guuta.

22Rabbi hujii ufii ka duraatiin dura;

jalqaba hujii ufii godhatee na fide.

23Uduu adunyaan hin uumamneen dura,

dura bara baraan dura muudame.

24galaanaan dura,

burqaawwan bisaanii uduu hin burqineen dura

dhaladhe.

25Uduu gaarran hin hundoofne,

tulluuwwaniin dura dhaladhe.

26Ardiin yookaan raasaawwan yookaan

biyyeen lafaa kamuu uduu

hin uumaminiin dura ani dhaladhe.

27Hennaa samiiwwan diriirse,

hennaa galaana irratti daangaa godhe,

ani achi ture.

28Hennaa duumessa gubba'atti jabeesse,

hennaa burqaawwan galaanaa hundeesse,

29Hennaa horatti daangaa godhe,

hennaa akka bisaan daangaa hin ceeneef

hundeewwan lafaatitti daangaa godhe,

30hennaa san ani isa biratti ogeessa ijoo ture;

hennaa maraa isa afo'otti natti tola'aa,

guyyama guyya'aan gammachu'uun guuttama ture.

31Adunyaa guutuu isaatitti hennaa maraa natti tola'aa,

ilmaan namaatitti gammada ture.

32Eeganaa ijoollee tiyya! na caqasaa'a;

worri karaa kiyya eegan worra eebbaati.

33Gorsa kiyya caqasaa'a;

ogeeyyii ta'aa'a;

lash itti hin jedhinaa'a.

34Ka hennaa maraa balbala kiyya irratti eegu;

ka guyya guyya'aan balbala kiyya afo'otti eegu;

namni na dhagayu nama eebbaati.

35Ka na argate maruu jireenna waan argatuuf;

Rabbiin irraa gaachena fudhata.

36Garuu ka na dhabe maruu uf miidha;

worri na jibbu maruu du'a jaalata.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help