1Rabbi waan Amoonii akkana jedha, «Israa'el ijoollee dhiiraa hin qabuu? worra isa dhaalullee hin qabuu? eeganaa worri waaqa tolfamaa Milkoom jedhamu waaqeffatu gosa Gaadii gad dhiisisiisanii wonti qachoota isi'ii keessatti quphataniif maali'i ree?
2Kanaafuu hennaan ani laagaa lolaa Raabaa qachattii Amooniin keessa jirtu keessatti dhageessisu hin dhufa; isiin ona waan diiggame keessatti tuulan taati; gandi isi'iillee ibiddaan gubaman; kanaan maayessa worri Israa'elii worra armaan dura isaan saama'aa ture deebi'anii saaman.
3Qachaan Aayii waan diiggamteef baniin ganda qachaa Raama'aa keessa jiraattan maruu guddisa'aa iyya'aa booyaa'a! waandhi tolfamaan Milkoom jedhamu gandoota ufiitii fi worra isa gargaaran woliin booji'amee waan deemeef uffata gaddaa uffadha'aatii dallawa isi'ii keessatti asii fi achi deema'aa booyaa'a!
4Isin wonti hunna keessan ka dhumata'aa deemu hedattaniif maali'i? isin banii amantii hin qabne ‹ka balaa natti buusu eennu?› jettanii qabeenna ufii tuulattaniin dhaadattaniirtan.
5Ani hulee maraa raafama isinitti fida; isin maruu hin dheessitan; isin waan gara afo'oo dheessitanii bittinnooftaniif namni worra baqatee dheesse wolitti qabu hin jiru.
6«Henna'aan maayessa garuu qabeenna worra Amoonii hin deebisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedha.Dubbii Waan Edoomiitiif Dubbatame
7Wonti Rabbi Gooftaan banii maraa waan Edoomii dubbate kana; baniin qachaa Teemaanii ogummaa armaan dura qaban hin dhabanii? worri isaan gorsu gorsa isaanii kennuu dadhabee?
8Hennaa fiixaa Eesawu'uu adabu waan rakkinni isaan irra gayuuf isin baniin qachaa Deedaanii uf duuba gara gala'aa dheessaa'a! holqa keessatti dhokadhaa'a!
9Namoonni hennaa woyinii irraa hurbuu guuratan, biqiltuu woyini'ii irratti hurbuu garii hin dhiisan, worri saamullee halkaniin dhufanii haga barbaadan irraa guuratan.
10Ani garuu fiixaa Eesawu'uu qullaa hambisa; hulee isaan itti dhokatanittillee ifa isaan baasa; kanaafuu ammaa achi isaan hulee itti dhokatan hin argatan; ijoolleen isaanii, firri isaaniitii fi ollaan isaaniillee hin badan, isaanillee hin badan.
11Ijoollee isin woliin jiraatan ta abboonninii fi haawwonni irraa dhuman dhiisaa'a ani isaan jiraachisaa, haawwonni manaa ta abboota worraa ajjeefatan na haa abdatanii.
12Eeganaa worri adabbiin isaan hin barbaachifne mijuu adabbi'ii yoo ka afaaniin qaban ta'e isin adabbii malee waan haftan seetanii? miti isin mijuu adabbi'ii dhuguu isin barbaachisa.
13Akka qachaan Bootsira'aa lafa onaa ka nama sodaachisu taatee haftu ani maqaa kiyyaan kakadheera; namni maruu itti balda; maqaa isi'iillee akka maqaa abaarsaatitti laalan; gandiin naannaya isi'ii jiran maraa baraa haga bara baraa hin diiggaman; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
14Ani ergaa tokko Rabbiin irraa dhagaye; «Ergamaan isin banii Edoomii irratti balaa buusu'uuf wol gaya'aa ka'aa'a!» jedhee bani'itti dubbatu ergameera.
15Ani eeganaa si'i mootota jiddu'utti diqqoo, namoota jiddu'uttillee tuffatamtuu si taasisa.
16Ati ta qilee dhagaa qarsa'aa irra jiraattu, ta haga qaccee gaaraallee geettu! sodaatamuun keetii fi uf jajuun onnee keetii si gowwoomsaniiran; yoma hagamillee hulee ufii jiraattu akka mana bajjaa yoo ol fageessitee ijaarattellee ani achi irraa gad si buusa jedha Rabbi.»
17Rabbi akkana jedha, «Eedoom ta nama naasiftu taati; namni hennaa karaa saniin lufu isii argu maruu hin naya; badii isii irra gayuttillee hin maalalfata.
18Akkuma hennaa Soodomii fi Gomooraan qachoota naannaya isaanii jiran woliin diiggaman badiin isaan irra gaye akkasuma woma san fakkaatutu isaan irra gaya; namni deebi'ee achi irra jiraatu sirima hin argamu.Raaga Waan Damaasqo'oo Raagame
23Worri qachaa Haamaatii fi Arfaadii keessa jiraatan waan oduu Damaasqoon hin baddi'ii dhagayanii jal jedhan; garaan isaanii akka galaana olii gad raafamuu raafame.
24Baniin Damaasqo'oo dadhabanii sodaatanii dheessu'uuf uf duuba deebi'an; akka dubartii ciniinsifattuu dhiphatan.
25Qachattiin gurra dhagayattee fi bareeddu sun attamitti duwwaa hafte?
26Guyyaa san dargaggeeyyiin qachattii sanii karaa qachattii sanii irratti isaan ajjeesan, loltoonni isi'iillee hin diiggaman.
27Ani dallawa Damaasqo'oo maraa ibiddaan gubee balleessa; mana mootumma'aa ka mootii Beenhaadaadiillee ibiddaan guba; ka waan kana dubbate ana Waaqa banii maraati.» Raaga Waan Gosa Qeedaariitii Fi Hatsoorii Raagame
28Rabbi waan mootota Qeedaariitii fi Hatsoorii ka Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii mooyatee «Ka'a'aa banii Qeedaariititti duulaa'a; banii gara baya biiftu'utiin jiranillee balleessaa'a!
29Daaseewwan isaanii, gobbuu, golga'aa fi meeshaa isaanii maraa fudhadhaa'a; gaallan isaaniillee fudhadhaa'a; ‹naannoon teenna raafamteerti› jedha'aa wocan» jedha.
30Rabbi worra Atsooriin keessa jiraattaniin akkana jedha, «Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii waan isinitti malatee fi waan karoora hamaa isinitti karoorfateef dheessa'aa fagaadha'aatii holqa dhooqa keessaatitti dhokadhaa'a»
31Rabbi akkana jedha, «Isin amma ka'aa'a! gara banii balbala uduu hin cufanne jiraatuu fi gara worra nagayaan boona'aa jiraatanii duulaa'a.
32Gaallan isaaniitii fi horii isaaniillee hin booji'an, worra mataa ufii bita'aa fi mirgaan haadatan maraa olii gad bittinneessa, karaa maraanuu rakkinna isaanitti fidaa»
33Kanaafuu Atsoor ona jeedallan baraa haga bara baraa keessa jiraatan taati; ammaa achi baniin woyiituu isii keessa hin jiraatu.
Raaga Waan Eelaamiitiif Raagame34Akkuma Sedeqiyaas Yihuudaa irratti mooyeen yoosuu Rabbi Waandhi banii maraa waan Eelaamii akkana jedhee natti hime,
35«Ani hunna woraanaa ka isiin akka haga adhaa jabduu taatee jiraattu taasiftaniin hin cabsa;
36Bubbee Eelaamiin dhayu hulee maraa kaasee banii isi'ii maraa gara mara bittinneessa; akka kanaan biyyi baniin isi'ii ka baqate keessa jiraatu hin argamu.
37Diintota baniin Eelaamii ajjeesu'uuf barbaadan akka isaan sodaatan taasisa; ani isaan irratti lola kiyya guddaa balleessaa isaaniitiif sababaa ta'e isaanitti fida; haga dhumanitti akka lolaan baqatan isaan taasisa.
38Ani mootii isaaniitii fi bulchoota isaaniillee hin balleessa; teessoo kiyya achi taasifadha.
39Ta'ullee hennaan ani qabeenna Eelaamii deebisu hin dhufa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.