Ergaa Yaaqoob 2 - Kitaaba Woyyuu

Nama Wol Caalchisuu Irraa Uf Eegi

1 eennullee yoo jiraate maraanuu yakkamaa ta'a.

11Ser. Ba'u. 20:13-14; Kes. Deb. 5:17-18 Ka «hin seebarin» jedhe akkasuma «hin ajjeessin» jedheera. Uduu hin seebarrellee deebiftee yoo nama ajjeefte seera irra darbiteerta.

12Akka worra seera wolabummaa kennu afo'otti dhiyaattanii murtii argattanitti dubbadhaa'a; hojjadhalle'e.

13Mat. 5:7; 18:23-35; 25:34-46 Ka namaan hin araaramne, murtii araara hin qabnetu isa eeggata. Araarri murtii injifata.

Amanti'ii Fi Hujii

14 1:22; Mat. 7:21; Tit. 3:8 Obboleeyyan tiyya! «Amantii qaba» jedhee garuu namni huji'iin hin mudhifne yoo jiraate bu'aa maal isaa qabaa? Amantiin isa fayyisuu danda'aa?

15Namni tokko isin keessaa obboleessaa fi obboleettii waan nyaatanii fi waan uffatan dhabaniin,

16Luq. 3:11; Yoh. 1ffaa 3:17-18 «nagayaan deemaa'a; quufaa ibidda oo'ifadhaa'a! quufaa'a!» uduu isaaniin jettanii waan nafa isaaniitiif barbaachisu yoo hin kennineef bu'aa maal isaanii qaba?

172:26; Gal. 5:6; Qor. 1ffaa 13:2 Eegasuu amantiin huji'iin hin mudhanne yoo jiraatte amantiin sun ta duute.

Ka Dhageette Hujii Irra Oolchi

18Haa ta'uu ammo namni tokko, «Ati amantii qabda; anillee hujii qaba» yoo jedhe, «Amantii kee huji'iin adda baasii natti mudhis; ani amantii kiyya huji'iin si mudhisa» jedha.

19Mar. 1:24; 5:7 Rabbi akka tokko ta'e ati hin amanta. Waan mishaa garuu jinniinillee akkasuma hin amana; hin sodaata.

20Ati nama gowwaa'a! amantii huji'iin addaan baye ka du'e akka ta'e beekuu feetaa?

21Ser. Uma. 22:1-14; Ibr. 11:17 Abbaan keenna Abrahaam ilma ufii Yisaaqiin hennaa ciinca'aaf dhiyeesse huji'iin qajeelaa hin taanee?

22Amantiin hujii woliin akka wol gargaara'aa ture, amanti'iin hujiin akka raawwatame argitaa?

23Ser. Uma. 15:6; Rom. 4:3; Sen. 2ffaa 20:7; Isa. 41:8 Kitaabni, «Abrahaamillee Rabbitti amanee qajeellummaa ta'ee laakkayameef» ka jedhe raawwatamee jaalallo Rabbii jedhame.

24Yoh. 8:39 Namni amantii calla'aan uduu hin taane huji'iin akka qajeelaa ta'e argitaniirtan.

25 Iyya. 2:1-21; Ibr. 11:31 Akkasuma seebartuun Ra'aab ammo ergamtoota simattee karaa biraatiin hennaa ergite, huji'iin qajeeltuu hin taanee?

26Akkuma foon lubbuu irraa baye ka du'e ta'e, akkasuma ammo amantiin huji'iin adda fooyame ka du'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help