1Isin baniin maruu kana dhagayaa'a!
worri ardii irra jiraattan maruu kana caqasaa'a!
2Worri didiqqaanii fi gugurdaan;
hiyyeeyyiinii fi dureeyyiin dhagayaa'a.
3Arrabni kiyya ogumma'aan dubbata;
yaanni garaa kiyyaa hubannoo namaa kenna.
4Ani gurra kiyya gara mammaakaa qabadha;
hibboo kiyyallee kiraara sagalee guddaa dhageessisuun
hiika.
5Hennaa dharti sobdootaa na marsite;
guyyaa hammeennaa maaf sodaadha?
6Worra durumma'aan uf jajan;
worra qananii ufii abdatan;
maaf sodaadha?
7Namni uf oolchu'uu fi uf furu'uuf
gatii furama isaatiif ta'u
Rabbiif baasuu hin danda'u.
8-9Namni bara baraan akka jiraatu;
akka du'ee hin shamne
sirima gatiin lubbu'uu waan guddaa ta'eef
gatiin gayaan argamu'uufii hin danda'u.
10Ogeeyyiin worra du'an ta'uun waan mudhatu;
dabeessinii fi gowwaan wolumaan badan;
qabeenna ufiillee ka biraatii dhiisanii lixan.
11Yoo lafti baay'een maqaa isaaniitiin jiraatellee
awwaalli mana jireenna isaaniiti;
dhalootaa haga dhalootaatittillee hulee jireenna isaaniiti.
12Namni durummaa ufiitiin akkuma kabajjametti hin jiraatu;
horima mudhatee badu fakkaata.
13Kun hiree worra gowwa'aa;
worra jecha isaanii fudhatee faanaa deemuuf
galma dhumaati.
14Akkuma hoolotaa asaabaaf ramadaman;
duuti tissee isaanii ta'a;
qajeellonni ganamaan isaan bulchan;
nafti isaanii mana isaanii ka ulfinnaatii fagaatee;
asaaba keessatti diiggama.
15Rabbi garuu waan na simatuuf;
lubbuu tiyya asaaba keessaa fura.
16Namni yoo duroome;
qabeenni isaallee guddata'aa yoo deeme hin sodaatin.
17Inni hennaa du'u womaa qabatee hin deemu;
qabeenni isaallee isa woliin hin awwaalamu.
18Namni uduu lubbu'uun jiru yoo gammade;
wonti maruu waan isaa toleef yoo jajame;
19inni du'ee hulee lammata ifa hin argine
gara awwaala abboonni isaa itti awwaalamanii dhaqa.
20Namni hubannoo malee qabeenna kuufate
akka bineensaatitti du'uun isaa hin hafu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.