Mudhata Yohaannisii 14 - Kitaaba Woyyuu

Hoola'aa Fi Banii Isaa

1 7:3-4; 3:12; His. 9:4 Kanaan maayessa hoolaa gaara Tsiyoonii irra dhaabate arge. Isa woliin worra maqaan isaaniitii fi maqaan Abbaa isaa ka kallacha isaaniititti barreeffame kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afur.

21:15 Laagaa akka bisaan gudda'aa akka gigissaa gudda'aa sami'ii dhagaye. Laagaa akka worra dibbee dhayuu dhagaye.

35:9 Teessoo afo'otti busaayota arfanii fi afoo manguddootaatitti faaruu haarawa faarfatan. Worra lafa irratti fayyan keessaa kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afurii malee faaruu san baratuun eennuufillee hin danda'amne.

4Qor. 1ffaa 7:1,8; Qor. 2ffaa 11:2 Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a.

5Isa. 53:9; Sofo. 3:13 Afaan isaanii keessa sobninii fi mudaan hin jiru.

Maleekkota Sadiin

6Maleekkaan Dubbii Nagayaa bara baraa banii, fiixaa, worra afaan gara garaa ka gosa maraaf lallabu samii wodhakka'aa uduu bararu arge.

715:4; Far. 146:6 Laagaa gudda'aan «sa'aatiin murtii isaa waan gayeeruuf, Rabbiin sodaadhaa'a! Ulfinnallee isaa kennaa'a. Rabbii ardii, samii, galaanaa fi burqaa bisaanii uumeef sagadaa'a» jedhe.

8 18:2; Isa. 21:9; Erm. 51:7-8 Ergamaan lammeesso'oo ka duraatitti aanee, «Baabilooniin guddoon jidde! jidde! isin gofti adda addaa maruu daadhii woyini'ii ta seebarchiiftuu fi ta macheessitu akka dhugan gooteerti» jedhe.

9 13:12-17 Maleekkaan sadeesso'oollee laagaa gudda'aan akkana jedha'aa isaan faanaa deeme, «Ka bineensaa fi fakii isaatii sagadu, yookaan kallacha ufii, yookaan harka ufii irratti ka malkata isaa godhatu eennullee yoo jiraate,

1016:19; 19:20; Far. 75:8; Isa. 51:17; Erm. 25:15; Ser. Uma. 19:24; His. 38:22 Inni daadhii woyini'ii ta lola Rabbii hin dhuga. Daadhiin woyini'ii sun uduu hin makamin mijuu lola Rabbiititti makamteerti. Woyyootaa fi afoo hoolaa Rabbiititti ibiddaa fi ibidda dhaga'aatiin gatii argata.

1119:3; Isa. 34:9-10 Aarri rakkinna isaaniillee baraa haga bara baraatitti baya. Worri bineensaa fi fakii isaatii sagadan, worri malkata maqaa isaallee fudhatan maruu, halkanii guyyaa hara hin baafatan» jedhe.

1213:10; 12:17 Worri ajaja Rabbii eeganii fi woyyoonni Yesuusiin amanu'uun jabaatan.

13 Filph. 1:23; Isa. 57:2; Ibr. 4:10 Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye.

14 1:13; Dan. 7:13; Mat. 24:30; Mar. 13:26 Achiin maayii midhadhee duumessa adii arge; duumessa san irra ka ilma namaa fakkaatutu taa'eera; mataa isaa irra gulloo worqi'ii, harka isaa irraa haamtuu qaramtuu qaba.

15 Iyyu. 3:13; Mat. 13:39 Maleekkaan biraallee mana woyyuu keessaa bayee, ka duumessa irra taa'e saniin, «Hennaan haama'aa waan gayeef haamtuu tee gadi ergii haami; sanyiin lafa irraa gayeeraa» jedhee laagaa gudda'aan iyye.

16Ka duumessa irra taa'e, haamtuu ufii gara biyya lafaa erge; biyyi lafaallee hin haamamte.

17Maleekkaan biraallee mana woyyuu ka samii jiru keessaa baye; innillee akkasuma haamtuu qaramtuu qaba.

18Maleekkaan biraallee ka ibidda irratti baallii qabu hulee ciinca'aatii bayee ka haamtuu qaramaa qabuun, «Sanyiin gayeeraa, haamtuu kee qaramaa gadi ergiitii muka woyini'ii ka lafa jiru maraa hurbuu isaa kuti» jedhee laagaa gudda'aan waame.

1919:15 Maleekkaan sun haamtuu ufii gara lafaa gadi darbee muka woyini'ii ka lafa jiru muree hulee cuunfaa woyini'ii ka lola Rabbii gudda'aatitti gate.

20Cuunfaan woyinii sanii qacha'aan alatti dhiitame. Dhiinni lafa irraa haga dhaabicha fardaa ol fagaate ka fageenni isaa haga harabaafata, yookaan meetira kuma tokkoo fi dhibba jahaatitu hulee woyiniin itti cuunfamu keessaa baye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help