Seera Bayu'uu 16 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Bani'ii Manna'aa Fi Goota Naasisa Roobse

1Baniin Israa'elii Maruu Eeliimii ka'anii ji'a lammeesso'oo guyyaa kudha shaneesso'ootitti gara lafa gammoojjii «Siinii» ta Eeliimii fi siinaa jidduu jirtuu dhaqan.

2Baniin Israa'elii maruu lafa gammoojji'iititti Muuse'ee fi Aaroonitti gunguman.

3Baniin Israa'elii, «Gumii kana maraa beelaan fixu'uuf gara lafa gammoojji'ii kanatti nu baaftan; maal uduu biyya Misiriititti teennee nyaannee quufnee harka Rabbiititti dhumannee» isaaniin jedhan.

4Rabbi Muuse'een, «Baniin kun seera kiyyaan hin jiraata'aa fi hin jiraatuu isaa ani isaan qora; kunoo ani Sami'ii xoroshoo isaanii roobsaa; isaan nyaata guyyaa saniif isaanii gawu callaa haa guuratanii.

Muuseen, «Kun xoroshoo Rabbi akka nyaattaniif isinii kenne» jedhe.

16Wonti Rabbi isin ajaje kana; «Namni maruu haga isaa gawu haa guuratuu; nama daasee keessa jiru maraafuu gomoorii tokko tokko haa fudhatanii» isaaniin jedhe.

17Baniin Israa'eliillee akkasuma godhan; gari gariin baay'isanii; gari gariin ammo diqqeessanii guuratan.

18Hennaa gomoori'iin safaratan worra guddisee guurateellee irraa hin hafne; worra diqqeessee guurateellee jalaa hin hanqanne; martinuu haguma isaanii gawuu guuratan.» jedhaniin; Mannaan sunillee adiidii akka ija midhaaniiti; mi'aan isaallee akka mi'aa dhaaba dammaati.Ser. Lak. 11:7-8

32Muuseen, «Wonti Rabbi isiniin jedhe, hennaa biyya Misirii keessaa isin baase lafa gammoojji'ii keessatti nyaata isin nyaachise akka argan gomoorii tokko ijoollee teessanii kaayaa'a» jedhe.

33Muuseen Aarooniin, «Xuwwee tokko fuudhiitii mannaa gomoorii tokko itti buusi; ijoollee ijoollee teessaniitiif akka taa'u Rabbiin afoo kaayi» jedheen.Ibr. 9:4

34Akkuma Rabbi Muusee ajajetti akka taa'u Aaroon saanduuqa waada'aa afoo kaaye.

35Baniin Israa'elii haga lafa itti galan dhaqaniif woggaa afurtamaa mannaa nyaatan; haga daangaa Kana'aanii gayaniif isuma nyaatan.

36Hennaa san gomooriin tokko kiiloo sadihii fi wodhakka'a.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help