1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ‹Ani Rabbi Waaqa keessan;
3hujii duraan biyya Misirii keessatti huja'aa turtan san hin hujinaa'a; akka hujii biyya Kana'aanii ta ani itti isin galchu'uuf ta'uu sanillee hin hujinaa'a; akka seera isaanii badaa saniititti hin bulinaa'a.
4Seera kiyya eegaa'a; ajaja kiyya raawwadhaa'a; Ani Rabbii Waaqa keessan waan ta'eef.
5Worri seera kana raawwatan seera kanniiniin lubbu'uun waan jiraataniif, Ani Rabbiin waan ta'eef seera kiyyaa fi ajaja kiyya eegaa'a.
6«Isin keessaa eennullee fira ufii marattuu hin oolin; Ani Rabbii keessan waan ta'eef.
7Haatee bira geettee ulfinna abbeetii irraa hin mulqin.
8Haadha manaa abbeetii bira hin gayin; isiin waan foon abbeetii taateef.
24«Worri ani afoo keessanii ari'e ormi maruu waan kanniiniin waan battaayaniif; isinillee waan battii kanniiniin hin battaayinaa'a.
25Hujii isaaniitiin waan lafti battoofteertuuf orma hulee san jiran maraa shakkee lafa san abaare.
26Isin seera kiyyaa fi ajaja kiyya eegaa'a; isinii fi worri galaa ta'anii isin jidduu jiraatan maruu waan battii kanniin hin hojjatinaa'a.
27Namoonni biyya keessa jiraatan battummaa kanniin hojjatanii biyyi waan battoofteertuuf.
28Yoo batteessitan lafti akkuma worra armaan dura isiniin dura irra turan darbite isinillee uf irraa isin darbiti.
29Namni waan battii kanniin keessaa tokkollee hojjatu banii keessaa fooyamee waan baduuf.
30«Kanaafuu waan battii worri armaan duraa hojjatan maraa hin hojjatinaa'a; isaan waan battii saniin waan battaayaniiraniif; isinillee akka hin battoofne seera kiyya eegaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessan.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.