1Muuseen intala gosaa Itoophiya'aa takka waan fuudheef Maariyaamii fi Aaroon itti ka'an;
2Isaan, «Dhugamaan Rabbi Muusee calla'atti dubbatee? Nu keessaan hoo hin dubbannee?» Jedhaniin; Rabbillee kana dhagaye.
3Muuseen namoota biyya lafaa irra jiran maraa keessaa inni guddisee nama kasoo ture.
4Rabbi yoosuu Muusee, Aaroonii fi Maariyaamiin, «Isin sadiinuu gara daasee wol gayi'ii yaa'aa'a!» jedhee isaanitti dubbaate; sadiinuu gara daasee wol gayi'ii seenan.
5Rabbi utubaa duumessaatiin bu'ee balbala daase'ee dhaabatee, «Aaroon! Maariyaam!» jedhee waame; isaan lachuu gad bayan;
6Rabbi «Dubbii kiyya dhagayaa'a; yoo isin jidduu raanni jiraate ani Rabbi mudhataan isatti mudhadha; yookaan eebju'uun isa qaassa.
7Muusee garbicha kiyyatti garuu akkasitti itti hin dubbadhu; inni mana kiyya maraa keessatti amanama'a.Ibr. 3:2
8Kanaafuu ani afaan kiyyaan addaataa itti dubbadha; fakkeennaanii miti; bifa Rabbiillee hin arga; garbicha kiyya Muuse'etti hennaa dubbattan maaf sodaachuu diddan ree?» Jedhe.
9Rabbi isaaniin lolee isaan biraa lixe.
10Duumessillee daasee irraa ka'e; achiin maayessa Maariyaam dhukkuba gogaa kukkutuun qabamtee akka barada'aa addaatte; Aaroon Maariyaamiin yoo laalu isiin dhibee gogaa kukkutuun qabamteerti.
11Aaroonillee Muuse'een «Gooftaa kiyya nu waan cubbuu hojjanneef yakkineerra ufii nutti hin murteessin.
12Akka Namicha hennaa garaa haadha ufii keessaa dhalatu qaamni isaa ka gara tokkoo nyaattame san isii hin taasisin.
13Muuseenillee gara Rabbii iyya'aa, «Yaa Rabbi! yabo'oo isii fayyisi» jedhe.
14Rabbi Muuse'een, «Yoma abbaan isi'ii hancufa itti tufellee guyyaa torba salphachu'utu isii barbaachisa; guyyaa torbaa qe'ee baatee fagaattee bakka tokkotti itti cufamee haa teettuu; achiin maayessa haa deebituu» jedhe.Ser. Lak. 5:2-3
15Achiin maayessa Maariyaam qe'e'een ala guyyaa torbaa itti cufamee teette; haga Maariyaam deebituuf baniin hin deemne achuma ta'e.
16Achiin maayessa baniin Hatseerootii ka'anii gammoojjii fuuraaniititti quphatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.