1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2«Eennullee yoo cubbuu hojjatee Rabbiin yakke; waan namni yaboo bira kaayate yookaan liqeeffatee yoo goshoo ufiillee waakkate, yookaan yoo roorrise,
3yookaan yoo goshoo ufii irratti dhara huje, yoo waan bade argee dhossee hin argine jedhee kakate, waan namni godhu kanniin maraa keessaa tokkoon yakkee;
4yakku'uun yoo cubbuu hojjate, waan roorrisee fudhate, yookaan waan dabaan fudhate, ka yaboo itti kenname yookaan waan bade yoo arge,
5yookaan waan dharaan kakateef sanniin maraa haa deebisuu; hagas caalaa harka shan keessaa harka tokko itti eda'ee gaafa ciincaa dhiifamsa cubbu'uu dhiyeessu abbaa hori'ii sanii haa kennuu.
6Waan cubbuu hojjateetiif korbeessa hoola'aa ka mudaa hin qabne haguma yakki sun geettuun ciincaa dhiifamsa cubbu'uu gara gadichaa haa fiduu.
7Gadichi Rabbiin araarsaaf; Rabbillee waan hojjate saniif hin araaramaaf.Ciincaa Uduu Womaa Hin Hafne Gubatu
8Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
9«Aaroonii fi ijoollee Aaroonii akkana jedhii ajaji; seerri ciincaa ciincawuu akkana; ciincaan ciincawu muka ibidda ciinca'aa irratti halkan guutuu haga bari'uuf ibiddillee hulee ciinca'aa irratti hennaa maraa bobaya'aa haa buluu;
10gadichi lukoo uffata gad diratan jalaan nafa ufiititti aansee godhatee; haga ciincaan ciincayee ibiddi nyaateen maayessa daaraa fuudhee hulee ciinca'aa bira haa kaawuu.
11Achiin maayessa uffata mulqatee uffata biraa jijjiiratee daaraa san baadhatee ganda keessaa gara hulee qulqullu'uu raasa'atti jissa.
12Ibiddi hulee ciinca'aa hennaa maraa hin badu hin bobaya; gadichillee muka itti kaaya; ciincaa ciincawullee achi irratti darabeessa; achi irratti ciincaa fayyinnaaf dhiyaatu ka mooraa ciinceessa.
13Ibiddi hennaa maraa hulee ciinca'aa irratti bobaya, hin badu.
Seera Ciincaa Kennaa Midhaanii14«Seerri ciincaa midhaanii ka ijoolleen Aaroonii Rabbiin afo'otti dhiyeessitu kana;
15gadichi ciincaa midhaanii ka dhiyaatu keessaa daakuu mishaa ganaa tokko guutuu dhadhaa woliin akkasuma kennaa hixaanaa maraa fuudhee akka Rabbiif ciincaa urgaayaa ta'u yaadanno'oof hulee ciinca'aatitti ciinceessa.
16Waan achi irraa hafe Aaroonii fi ijoolleen isaa xoroshoo godhanii hulee woyyittii ta afoo daasee wol gayi'iititti nyaatan.
17Raaciti'iin dukkuusanii hin bilcheessan; kennaa kiyya ka ibidda keessatti ciincayee dhiyaatu gayaa isaanii akka ta'u isaaniif kenneera; kunillee akkuma ciincaa sababaa yakkaatii fi sababaa cubbu'uutiif dhiyaatuutitti ka guddisee woyyoome.
18Ciincaan ibiddatti ciincayee dhiyaatu baraa haga bara baraa ijoollee ijoollee teessaniitiif gayee akka ta'u ijoolleen Aaroonii ta dhiiraa maruu hin nyaatan; ka biraa garuu eennullee ka ciincaa kana tuqu maruu hunna woyyummaa saniitiin qoomama.»
19Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
20«Gaafa muudaman kennaan isaan dhiyeessan daakuu mishaa iifii tokkoo wodhakkaa ganama, wodhakkaallee galgala haa dhiyeessanii;
21Dhadhaa woliin sukkuumanii eelee irratti haa bilcheessanii; kennaa midhaanii ka bilchaate san cabsitee Rabbiif ciincaa urgaayaa akka ta'u dhiyeessita;
22bikka abbaa ufii ijoollee keessaa gadicha muudametu dhiyeessa; ciincaan kun akka seera Rabbii ta'utti baraa haga bara baraa ciincaya.
23Ciincaan midhaanii ka gadichi dhiyeessu maruu hin ciincaya; isa keessaa womtuu hin nyaattamu.»
Ciincaa Dhiifamsa Cubbu'uutiif Ciincawu24Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
25«Aaroonii fi ijoollee Aarooniititti akkana jedhii himi; seerri ciincaa cubbu'uu kana; horii ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu Rabbiin afo'otti hulee ciincaan cubbu'uu itti dhiyaatutti goorraata; huleen sun hulee guddisee woyyoome.
26Gadichi ciincaa cubbu'uu dhiyeessu hulee woyyittii naannaya daasee wol gayi'iititti nyaata.
27Nama ta'ee'e wonti kamuu yoo foon san tuqe hunna woyyummaa saniitiin qoomama; uffata kamiinuu yoo dhiinni ciinca'aa sun itti faca'e bakkuma woyyuu sanitti miicama.
28Kereen foon itti affeelame hin caccaba; yoo meeshaa sibiilaa keessatti affeelame qotamee bisaaniin haa dhiqamuu.
29Dhiirti worra gadichaa ta'e maruu foon san haa nyaatuu; foon sun ka guddisee woyyoome waan ta'eef.
30Garuu dhiinni ciinca'aa ka araara cubbu'uu ka gara daasee wol gayi'ii seene maruu hin nyaattamu ibiddaan gubama.›
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.