Seera Keessa Deebii 19 - Kitaaba Woyyuu

1«Hennaa biyya Rabbi Waandhi keessan isinii kennu irratti orma lafa san irra jiraatan balleessu qachootaa fi manniin isaanii dhaaltanii keessa jiraachuu jalqabdaniin maayessa,

2Lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu keessatti qachoota sadihii ufiif adda baafatta.

3Karaa namni dhiigaa dheessee itti galu qopheessita; lafa Rabbi Waandhi kee si dhaalchisu hulee sadihitti addaan qoodda.

4Seerri nama nama ajjeesee kana; uduu gadoo isaan hin ta'in tasa dunnuu goshoo ufii yoo ajjeese gara qachoota sanniinii dheessee haa jiraatuu;

5-6namni goshoo ufii woliin muka muru'uuf gara bosonaa yoo deeme hennaa muka muru'uuf dhagaraa ol kaasee sibiilli qabata irraa bu'ee goshoo isaa akka malee dhayee yoo ajjeese namni dhiiga nama du'ee san baasu nama nama san ajjeesetti aaree akka isa hin ariineef yoo karaan jalaa fagaate akka isa hin ajjeefne, qachoota kanniin keessaa gara qachaa tokkoo dheessee keessa jiraata; armaan dura isa woliin gadoo waan hin qabneef du'uu isa hin barbaachisu.

7Kanaaf qachoota sadihii adda baafadhu jedhee sitti hime.

8«Akkuma Rabbi Waandhi kee abboota keetii kakate daangaa kee yoo sii badhise lafa abboota keetii kennu'uuf kakate san maraa yoo sii badhise lafa abboota keetii kennu'uuf kakate san maraa yoo sii kenne akka

9-10Rabbii Waaqa kee jaalattu, akka karaa inni siin jedhe deemtu, jecha ani adha si ajaje kana maraa eeddee yoo raawwatte, lafa Rabbi Waandhi kee sii kennee dhaaltu keessatti dhiinni qulqulluun jigee ati nama guma'aa akka hin taane qachoota sadihii kanniin irratti qachoota biraa sadihi edaata.

11«Namni tokko garuu yoo goshoo ufii jibbe, haluu itti bawu'uuf riphee haga inni du'utti yoo isa dhayee qachoota kanniin keessa gara qachaa takkaa dheesse,

12jaarsota gara qachaa sanii erganii qachaa inni itti dhokate san keessaa isa baasanii akka inni du'u nama fira namicha du'eetitti dabarsanii isa kennan,

13uduu garaa isaa hin laafin waa maraanuu akka wonti mishaan isinii ta'u nama dhiigaa san Israa'eliin keessaa baasaa'a.

Daangaa Hin Balleessin

14«lafa Rabbi Waandhi kee akka ati dhaaltuuf sii kenne lafa itti galtee dhaaltu san daangaa goshoo keetii ka namoonni duraa dhaaban hin buqqisin.Qajeelcha Ragootaa Kenname

15«Yakka nama tokkoo mirkaneessu'uuf ragaan nama tokkoo hin gawu; namni tokko yakkamaa ta'uun isaa ka beekkamu yoo diqqaate ragaa nama lamaa yookaan ragaa nama sadihiitiin mirkanaaya.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help