Mudhata Yohaannisii 11 - Kitaaba Woyyuu

Ragoota lamaan

1 His. 40:3; Zakk. 2:1-2,5-6 Waan ulee fakkaatu ka ittiin madaalan naa kennee, «Dhaqiitii mana woyyuu Rabbiitii fi waan ciincaa itti dhiyeessanillee bikki; worra achitti waaqeffatullee laakkayi» naan jedhe.

213:5; Dan. 8:10,13; Luq. 21:24 Ka mana woyyu'uutiin ala jiru hin bikkin; worra Yihuudota hin taanee kennameeraa dhiisi; isaanillee ji'a afurtamii lamaa fi qachaa woyyittii irra ejjatan.

312:6 Ragoota kiyya lamaanii fi uffata gaddaa uffatee guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jahaatamaa akka raaga dubbatan hunna isaanii kenna.

4Zakk. 4:3,11-14 Isaan kunniin ejersa lamaa fi baattuu ibsa'aa lamaan ka Gooftaa biyya lafaa afoo dhaabatan.

5Mot. 2ffaa 1:10; Erm. 5:14 Eennuunillee miidhuu yoo barbaade, ibiddatu afaan isaaniitii bayee diintota isaanii nyaata. Yoo eennullee isaan miidhuu barbaade akkasuma hin ajjeefaman.

6Mot. 1ffaa 17:1; Yaq. 5:17; Ser. Ba'u. 7:17-20; Sam. 1ffaa 4:8 Ji'oota raanni kun dubbatamu roobni akka hin roobneef samii cufu'uuf baallii qaban, hennaa bisaan gara dhiigaa jijjiiruu barbaadan maraa bala'aan lafa maraa dhayu'uuf baallii qaban.

713:1-8; 17:8; Dan. 7:7,21 Ragaa isaanii haga raawwataniin maayii bineensa ashuutee bawu woliin wol lolan. Mooyatee isaan ajjeesa.

8Isa. 1:9-10 Reeffi isaaniillee afoo qachaa gudditti'ii ciisa; isiinillee akka fakkeenna hafuuraatiin soodomii fi Misirii jedhamteeti akkasuma hulee Gooftaan isaanii itti fannifame.

9Worra gosa afaan adda addaatii fi worra Yihuudota hin taanee, Reeffa isaanii guyyaa sadihii fi wodhakkaa lafatti laalan. Reeffi isaanii akka awwaalamu hin dhiisan.

10Ragoonni lamaan kunniin worra lafa irra jiraatan waan rakkisaniif isaanitti gammadan; gammachu'uun jiraatan, kennaa wolii kennan.

11His. 37:5,10 Guyyaa sadihii fi wodhakka'aan maayii hafuurri jireennaa Rabbiin biraa bayee isaanitti deebi'ee luka isaaniitiin dhaabatan. Sodaan guddaan worra isaan laalan irratti bu'e.

12Mot. 2ffaa 2:11 Sami'iillee laagaa guddaa, «Garana ol bayaa'a!» jedhu dhagayan. Isaan uduu diintonni isaanii laalan gara sami'ii duumessaan ol bayan.

136:12; 16:18 Sa'aatii san lafti guddiftee sochoote. Qachattiin kudhan keessaa harki tokko hin kufte. Sochii saniin namoonni kuma torbaa dhuman. Worri hafellee sodaatee Waaqa sami'itii ulfinna kennan.

14 9:12 Aanne'een lammeesso'oo lufeeti, akkasuma aanne'een sadeesso'oo dafee dhufa.

Xurumbaa Torbeesso'oo

15 12:10; Ser. Ba'u. 15:18; Dan. 2:44; 7:14,27 Maleekkaan torbeesso'oo xurumbaa afuufe. Sami'itti, laagaan guddaan, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa ta Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» jedhu dhagayame.

16 4:4,10 Manguddoonni diddamii afurii ka teessoo Rabbii afoo taa'an kallacha ufiitiin lafatti gadi kufanii akkana jedha'aa Rabbii sagadan.

17 4:8; 19:4,6 Ka jirtuu fi ka turte, ka maraa bulchitu,

Rabbii Gooftaa keenna

hunna guddaa waan qabduuf, waan mooteef si galatoonfanna.

18 Far. 2:5; 110:5; 115:13 Worri Yihuudii hin taane hin lolan,

atillee hin lolte; hennaan ati

worra du'anitti murteessitullee dhufe.

Barri ati garboota kee,

ragootaa fi woyyoota kee,

worra maqaa kee sodaatan didiqqa'aa fi gugurda'aa

gatii isaanii kennitu,

worra lafa balleessan

balleessitu dhufe.

19 8:5; 15:5; 16:18,21 Manni woyyuu Rabbii ka samii jiru baname; «Saanduundhi waada'aallee» mana woyyu'uu keessatti mudhate; laagaa, bakakkaa, gigissaa, sochii lafaatii fi baradaan guddaan uumame.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help